1
Yohannis 2:11
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
Karşılaştır
Yohannis 2:11 keşfedin
2
Yohannis 2:4
Yesuus immoo deebisee, “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye” jedheen.
Yohannis 2:4 keşfedin
3
Yohannis 2:7-8
Yesuus tajaajiltootaan, “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa” jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan. Innis, “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa” jedheen. Isaanis akkasuma godhan
Yohannis 2:7-8 keşfedin
4
Yohannis 2:19
Yesuus, “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa” jedhee deebiseef.
Yohannis 2:19 keşfedin
5
Yohannis 2:15-16
Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe.
Yohannis 2:15-16 keşfedin
Ana Sayfa
Kutsal Kitap
Okuma Planları
Videolar