Yohannis Seensa

Seensa
Yohannis yeroo kaayyoo isaa mulʼisee seenaa Yesuus barreesse, Isaan kunneen Yesuus Kiristoos ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif barreeffaman jechuudhaan kitaaba isaa xumura.
Yohannis akka seenaan kun seenaa uumama haaraa taʼe dubbistoota isaatti mulʼisuudhaaf jedhee seenaa uumamaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kan akka, Jalqabatti jedhu yaadachiisuudhaan kitaaba isaa jalqaba. Akkuma uumuun jalqabaa guyyaa torba keessatti xumurame sana, Yohannis Kitaaba isaa qindeessuudhaaf lakkoobsa torbatti fayyadame. Lakkoobsi torba Yihuudoota biratti hojiin Waaqaa dhumaan inni kaayyoo Waaqni addunyaa kanaaf qabu mulʼisu sun kan mudaa hin qabnee fi guutuu taʼuu isaa argisiisa.
Seenaan kun kutaawwan gurguddaa lamaan himame. Inni jalqabaa tajaajila Yesuus uummataaf kenne ibsa; innis kutaawwan torba of keessaa qaba. Tokkoon tokkoon kutaawwan kanneenii amantiidhaanis taʼu amantii dhabuudhaan gabaasa uummanni Yesuusiif kenneen xumurama. Kutaan inni lammaffaan torban Faasiikaa isa dhumaa yeroo Yesuus lubbuu isaa dabarsee addunyaa kanaaf kenne irratti xiyyeeffata.
Yohannis jechawwan torba isa Yesuus eenyummaa isaa ittiin mulʼise jecha Ani jedhutti fayyadamee gabaaseera; kun immoo maqaa isa jalqabatti Waaqayyo ittiin of mulʼisee dha. Haala wal fakkaatuun, Yohannis mallattoowwan dinqisiisoo Yesuus hojjete torba gabaase. Seenessuu Yohannis keessatti duʼaa kaʼuun Yesuus guyyaa jalqaba torbanichaa irratti akka raawwate yeroo lama ibsameera. Karaa kanaan humni uumama haaraa cabsee gara addunyaa keenya akka gale Yohannis mirkaneesseera.

Seçili Olanlar:

Yohannis Seensa: HAH

Vurgu

Paylaş

Kopyala

None

Önemli anlarınızın tüm cihazlarınıza kaydedilmesini mi istiyorsunuz? Kayıt olun ya da giriş yapın