Huji Ergattu 8

8
1Sauloni ijeecha isaa Ee jed'e.
Sauloni gumi Waaqa gaargalcha
Guyyuma suni gumi Waaqa ta Yerusalemu jirtu guddo gaargalchani. Duuba ergattu male gumiini taani ch'ufti lafa Yudeatiifi Samaria keesa gargari firfirfamte. 2Jari d'ugaa toko Stefano guddo bohe awaale.
3 # Huji 22.4-5; 26.9-11 Ammo Sauloni gumi Waaqa guddo gaargalche, mana ch'ufa seene, d'iirafi nad'eenile hid'aansati guure.
Filiponi Samaria d'aqa
4Duuba worri gargari firfirfame kaani fulluma ch'ufa yae dubbi Waaqa odeese. 5Jennaani Filiponi gara dira Samaria d'aqe waan Kristo worrati hasae. 6Gumiini garaa tokooni waan Filiponi jed'e ch'aqafte, waan mama ka inni tolche d'ageete argite. 7Jinniini hamtuuni qonqo olfud'atte iyite nama heddu keesaa yaate; nami hedduuni ka kokotaefi ka naafate fayye. 8Akanaani gammadi guddaani dira suni d'ufe.
Simoni yuuba
9Ammo namicha tokoti jira, ka Simoni jed'ani, ka duri dira suni keesati huji yuuba tolche, worra dira Samaria, sobe, jabeenna ufi odeese. 10Nami ch'ufti dubbi isaa ch'aqase, diqaafi guddaleeni waan jed'e, Namichi kunini humna Waaqa ta Humna Guddo jed'aniini. 11Worri ch'ufti isa ch'aqase waan inni huji yuuboomatiini guyya heddu worra sobeefi. 12Ammo worri Filipo Odu Dansa ta Finna Waaqatiifi maqa Yeso Kristo hasau d'ageennaani d'ugefate, d'iirafi nad'eenileeni batifamte. 13Jennaani Simonileeni d'ugefate; eegi batifame, Filipo gula deeme, waan mamiisatiifi akheekha inni tolche arginaani guddo mame.
Petrofi Yohanani Samaria d'aqani
14Ergattuuni ta Yerusalemu keesa teetu aka gumiini Samaria dubbi Waaqa d'ugefatte d'ageennaani, Petrofi Yohana iti ergite. 15Worri d'ufe, Waaqa worraa kad'ate, aka Lubbu Qulqullo argatani. 16Lubbuuni Qulqullooni qara worra ira imbuune, ammo maqa Aabbo Yeso ch'allaani batifamani male. 17Petrofi Yohanani harka isaani worra ira keennaani Lubbu Qulqullo argatani.
18Simonini aka eegi ergattuuni harka worra ira keete Lubbu Qulqullo argatani arginaani, hori worraa kennu fed'e 19waan jed'e, Humna tana nale kenna, aka nami anini harka ira kayu Lubbu Qulqullo argatu. 20Ammo Petroni waan isaani jed'e, Hori kanke woliini bada, waan atini kenna Waaqa waan horiini bitatu seetefi. 21Atini waan kana keesa diqole qooda inqabdu, garaani kanke fuula Waaqa durati dansaniti. 22Tanaafi ch'ubbu tante tana iraa deebii, Waaqa kad'ad'u, aka herega garaa keti si araaramani. 23Wonti akanatiifi anini ya arge, atini had'aa had'ooftu qabda, ammalle hid'aansa ch'ubbuu ke jirta. 24Jennaani Simonini waan jed'eeni, Waaqa na kad'ad'a, aka wonti isani baantani kunini tokoleeni nati ind'umne.
25Worri eegi dubbi Aabbo odeese, Yerusalemuti gale, Odu Dansa tana olla Samaria heddu keesati hasae.
Filipofi Nama gudda ka lafa Sidaama
26Malaikaani Aabbo Filipoti dubbate waan jetteeni, kai bita deemi fulla kara Yerusalemu bahe Gaza d'aqu (karaani sunini amma injiru). 27Jennaani inni kae deeme. Namicha sangisisani toko jira, ka lafa Sidaama. Inni nama gudda ka hayyiti Sidaama ta Kandake jed'ani jala hojatu, ka hori isii qorqoratuufi. Inni Yerusalemu d'ufe, aka Waaqa kad'atu. 28Ato galu, gaari ufi keesa tae, kitaaba raaga Isaya soome. 29Jennaani Lubbuuni Qulqullooni waan Filiponi jette, Beeni, gaari sunti d'iaad'u. 30Tanaafi Filiponi gara isaa utaale, isa kitaaba raaga Isaya soomu d'agaye waan jed'eeni, Waan soomtu kana mid'aafatta? 31Inni waan jed'eeni, Akamiini dandae mid'aafad'a, yo nami na qajeelche male? Duuba inni Filipo kad'ate aka inni gaari yaabate isa woliini tau. 32#Isa 53.7-8 Fullaani inni t'aafi keesa soomu tana,
Akuma hoola qalani ijeechati isa geesani,
ammalle akuma ilmeeni hoola ta abbaani rifeensa iraa ch'iru ch'alliftu,
akasuma ch'allise.
33Isa diqeesani, qorsuma d'uga iraa d'owani.
Eenuti waan d'aloota isaa hasaa?
Jireenni isaa lafa keesaa la hobae.
34Namichi kaani waan Filiponi jed'e, Raagi eennu baana? Ufi baana mo nama d'ibi? 35Jennaani Filiponi fulluma t'aafi suni iti keyate waan Yeso isati hasae. 36Ammalle ato worri yau, fulla bisaani toko d'ufani; namichi kaani waan jed'e, Me ilaali, bisaaniti arma jira, malti batiso argachu naa d'owa? [ 37Filiponi waan jed'eeni, Yo atini garaa kanke ch'ufaani d'ugefatte si batisani, Inni waan Filiponi jed'e, Ind'ugefad'a aka Yeso Kristo Ilma Waaqa.] 38Gaari d'aabachiise, worri lachu bisaani keesa duude Filiponi isa batise. 39Bisaani keesa baanaani, Lubbuuni Aabbo Filipo fuute. Namichi kaani lafaa isa d'abe, ammo gammadaani kara ufii iti d'aabate. 40Ammo Filipo lafa Azototi argani; inni keesa deeme, dira ch'ufa keesati Odu Dansa odeese, Kaisarini bahe.
Waan baafama Saulo
(Huji Ergattu 22.6-16; 26.12-18)

Поточний вибір:

Huji Ergattu 8: BOR

Позначайте

Поділитись

Копіювати

None

Хочете, щоб ваші позначення зберігалися на всіх ваших пристроях? Зареєструйтеся або увійдіть