Seera Uumamaa 18
18
Abrahaam Ergamoota Waaqayyoo Keessumsiisuu Isaa
1Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa'ee utuu jiruu, Waaqayyo qilxuu Mamree biraa isatti in mul'ate. 2Abrahaam ol ilaalee namoonni sadii isa dura dhaabachuu isaanii arge; akkuma isaan argeen balbala dunkaanichaa duraa ka'ee, isaan simachuudhaaf itti fiigee, hamma lafa ga'utti in qoomma'e*; 3isa tokkoonis,<<Gooftaa koo, ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, ana garbicha kee bira hin darbin! 4Mee, bishaan xinnoo isiniif haa fidanii, miilla dhiqadhaatii muka kana jalatti aara galfadhaa! 5<<Tole>> jettanii gara ana garbicha keessaniitti erga gortanii, dadhabbii akka baataniif buddeena cabaa tokko isiniif nan fida; isa booddee darbuu in dandeessu>> jedhe; isaanis,<<Akkuma jette godhi!>> jedhan.#2 Ibr 13:2
6Yommus Abrahaam ariitiidhaan gara dunkaana isa Saaraan keessa jirtuu dhaqee,<<Dafiitii daakuu ba'eessa qodaa safaraa sadii sukkuumii bixxillee tolchi!>> jedhe. 7Ofii immoo gara lafa saawwan jiraniitti fiigee, dibicha ba'eessa foon isaa laafu tokko fuudhee dargaggeessa tokkotti kenne; innis harka ho'ee in qopheesse. 8Abrahaamis itittuu fi aannan, foon dibichaa isa qopheessise sanas geessee isaaniif dhi'eesse; isaanis in nyaatan; inni garuu dhaabatee mukicha jalatti isaaniif in ergama ture.
9Yeroo sanatti isaan,<<Saaraan haati manaa kee eessa jirti?>> jedhanii isa gaafatan; innis,<<Achi dunkaana keessa jirti>> jedhee deebiseef. 10Gooftichis,<<Bara eger yowwana deebi'ee gara kee nan dhufa, Saaraan haati manaa kee ilma godhattee na eegdi>> jedhe; Saaraanis karaa balbala dunkaana isa dugda Abrahaam duubaan jiru in dhaggeeffatti turte*.#10 Rom 9:9
11Abrahaamii fi Saaraan lafa guuraniiru, garaa-dhukkubbiin dubartiitti dhufus Saaraa irraa citeera. 12Kanaaf Saaraan garaa ishee keessatti seeqxee,<<Ergan dulloomee dadhabe, abbaa manaa koo bira ga'uu iyyuu nan hawwaa ree>> Abbaan manaa koos lafa guureera mitii ree?>> jette*. 13Waaqayyo immoo Abrahaamiin,<<Maaliif Saaraan,<<Ergan lafa guuree booddee, amma ani dhuguman dhala godhadhaa?>> jettee kolfite>> 14Wanti dinqisiisaan Waaqayyo gochuu dadhabu jiraa ree>> Bara eger yowwana deebi'ee gara kee nan dhufa, Saaraanis ilma godhattee na eegdi>> jedhe*. 15Saaraan garuu sababii sodaatteef,<<Ani hin kolfine>> jettee gante; inni immoo,<<Lakkii, kolfiteetta>> jedhe.#12 17:17 14 Mat 19:26; Luq 1:37; 21:1-8
Abrahaam Warra Sodoomiif Kadhachuu Isaa
16Namoonni sadan sun yeroo achii ka'an, ija isaanii Sodoom irra buufatan; Abrahaam immoo isaan geggeessuudhaaf takka wajjin adeeme. 17Yommus Waaqayyo yaada isaatti,<<Wantan gochuuf jedhu Abrahaamin nan dhoksaa ree*>> 18Abrahaam saba guddaa, saba jabaas in ta'a; sabni biyya lafaa irraa hundinuu sababii isaatiif in eebbifamu*. 19Ani Abrahaamin beekee fo'adheera; ammas ani Waaqayyo isan Abrahaamin abdachiise akkan raawwadhuufitti, inni ijoollee isaa, namoota mana isaas wanta qajeelaa, wanta dhugaa ta'es hojjechuudhaan karaa ana Waaqayyoo akka eeganiif, isaan abboomuun isa irra jira>> jedhe*. 20Waaqayyo kana booddee Abrahaamiin,<<Iyyanni warra Sodoomii fi Gomoraa irratti dhi'aate attam guddaa dha! Cubbuun isaaniis hammam baay'ee ulfaataa dha*! 21Ammas gad bu'e wanti isaan hojjetan hundinuu akka iyyata na bira ga'e sanaa ta'uu isaa nan ilaala!>> jedhe.#17 Amo 3:7 18 12:3 19 Kes 6:7; 32:46 20 19:13
22Namoonni lamaan gara Sodoomitti gara galanii in adeeman; Waaqayyo garuu achuma waan tureef, Abrahaam fuula isaa dura in dhaabate. 23Inni gara Waaqayyootti dhi'aatee,<<Dhuguma nama qajeelaa nama jal'aa wajjin lafa irraa balleessuuf jettaa*>> 24Namoonni qajeelonni shantamni mandarattii keessa jiru ta'a; egaa iddoo sana in balleessitaa>> Sababii namoonni qajeelonni shantamni achi keessa jiraniif jettee hin dhiiftuufii>> 25Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii ta'u in kenna mitii ree>> Kanaaf nama qajeelaa akka nama jal'aa gochuun, isa qajeelaas isa jal'aa wajjin ajjeesuun si irraa haa fagaatu!>> jedhe*.#23 Lak 16:22 25 Far 94:2
26Waaqayyo immoo deebisee,<<Mandarattii Sodoom keessatti namoota qajeelota shantama yoon argadhe, isaaniif jedhee guutummaa iddoo sanaaf nan dhiisa>> jedhe*.
27Yommus Abrahaam,<<Ani illee biyyoo dha, daaraa dhas, kana keessaa immoo ija jabaadheen gooftaa kootti dubbachaa jira. 28Namoota qajeelota shantama keessaa shantu hir'ata ta'a; isaan shanan kanaaf jettee, mandarattii guutummaatti in balleessitaa ree?>> jedhe.
Gooftichis,<<Achi keessaa afurtamii shan iyyuu yoon argadhe, ani ishee hin balleessu>> jedhe.#26 Isa 65:8; Mat 24:22
29Abrahaam ammas dubbii isaa itti fufee,<<Namoota afurtamatu achitti argama ta'a>> jedheen.
Gooftichis,<<Warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa>> jedhe.
30Abrahaamis,<<Ammas deebi'ee dubbachuun koo gooftaa koo hin aarsin! Namoota soddomatu achitti argama ta'a>> jedhe.
Gooftichis,<<Achi keessaa soddoma iyyuu yoon argadhe nan dhiisa>> jedhe.
31Abrahaamis,<<Kunoo! Takka ija jabaadhee gooftaa kootti nan dubbadha, namoota digdamatu achitti argama ta'a>> jedhe.
Gooftichis deebisee,<<Warra digdama sanaaf jedhee balleessuu nan dhiisa>> jedhe.
32Abrahaamis,<<Ammas al tokko duwwaa dabalee dubbachuun koo gooftaa koo hin aarsin! Namoota kudhantu achitti argama ta'a>> jedhe.
Gooftichis,<<Warra kurnan sanaaf jedhee balleessuu nan dhiisa>> jedhe*. 33Waaqayyos isa Abrahaamii wajjin dubbachaa ture raawwatee in adeeme; Abrahaam immoo iddoo isaatti in deebi'e.#32 Abo 6:39; Er 5:1; His 22:30
Поточний вибір:
Seera Uumamaa 18: MacQul
Позначайте
Поділитись
Копіювати
Хочете, щоб ваші позначення зберігалися на всіх ваших пристроях? Зареєструйтеся або увійдіть
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.