Seera Uumamaa 29

29
Yaaqoob Mana Laabaan Ga'uu Isaa
1Yaaqoob karaa isaa itti fufee, gara biyya warra ba'a-biiftuu ga'e; 2achitti bakkee keessatti boolla bishaanii tokko arge; bushaayeen bishaan boolla sana keessaa buddiqfamu waan dhuganiif, kunoo, karri sadii bukkee boollichaa in cicciisu turan; dhagaan guddaan tokkos afaan boollichaa irra ture. 3Yeroo karri hundinuu achitti dacha'an, tiksoonni dhagicha afaan boollichaa irraa gara galchanii bushaayee in obaasu, booddees dhagicha iddoo isaatti deebisanii afaan boollichaa irra in kaa'u turan.
4Yaaqoob tiksoota sanaan,<<Obboloota ko, isin warra eessaa ti?>> jedhe; isaan immoo,<<Nuyi warra Kaaraan>> jedhan. 5Inni itti dabalee,<<Laabaan ilma Naahor beektuu?>> jedhe; isaan immoo,<<Nuyi isa in beekna>> jedhaniin. 6Innis,<<Qe'een isaa nagaa dhaa?>> jedhe; isaanis,<<Nagaa dha, kunoo, Raahel intalli isaa iyyuu, bushaayee fiddee dhufuutti jirti>> jedhaniin. 7Innis,<<Kunoo, amma iyyuu guyyaa dha, yeroo itti horiin walitti qabamanis miti; bushaayee bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa!>> jedhe. 8Isaan immoo,<<Hamma karri hundinuu walitti qabamanii, dhagichis afaan boollichaa irraa gara galfamutti, nuyi kana gochuu hin dandeenyu; isa booddee bushaayee bishaan in obaafna>> jedhan.
9Utuu inni isaanii wajjin haasa'aa jiruus, Raahel tiksituu waan turteef, bushaayee abbaa isheetii fiddee dhufte; 10Yaaqoobis Raahelin intala Laabaan obboleessa haadha isaatii, bushaayee Laabaanis yommuu arge, itti dhi'aatee dhagicha afaan boollichaa irraa gara galchee, bushaayee eessuma isaatii sana bishaan obaase; 11Yaaqoob yommus Raahelin dhudhungatee, gammachuu irraa kan ka'es in boo'e. 12Yaaqoob aantii abbaa ishee ilma Ribqaas akka ta'e Raahelitti in hime; isheenis fiigdee dhaqxee abbaa isheetti himte.
13Laabaan oduu Yaaqoob ilma obboleettii isaatii yeroo dhaga'e, isa simuudhaaf gara isaatti fiigee, morma isaatti marmee, dhudhungate; gara mana isaattis isa in geesse; Yaaqoobis wanta ta'e hundumaa itti in hime. 14Laabaan immoo,<<Ati dhuguma foon koo ti, dhiiga koo tis!>> ittiin jedhe; Yaaqoobis ji'a tokkoof akkasumatti isa bira ture.
Yaaqoob Raaheliif Jedhee Si'a Lama Deebi'ee Laabaaniif Hojjechuu Isaa
15Laabaan kana booddee Yaaqoobiin,<<Ati sababii aantii koo taateef tola anaaf hojjettaa ree>> Gatiin dadhabbii kee maal ta'uutu irra jira>> Anatti himi!>> jedhe. 16Laabaan durboota lama qaba ture; maqaan ishee guddoo Liyaa, maqaan ishee xinnoo immoo Raahel ture. 17Liyaan nama ija lasii turte; Raahel garuu dhaabbii tolti, ija namaattis in miidhagdi turte. 18Yaaqoob waan Raahelin jaallateef, Laabaaniin,<<Raahel intala kee ishee quxisuuf, ani waggaa torba siif nan hojjedha>> jedhe. 19Laabaan deebisee,<<Ani nama biraatiif kennuu koo irra, ishee siif kennuu in wayya; kanaaf ana bira turi!>> jedheen. 20Yaaqoob akkasitti Raaheliif jedhee, waggaa torba in hojjete; inni waan ishee jaallateef, waggoonni kun guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
21Yaaqoob kana booddees Laabaaniin,<<Egaa yeroon dhaabaa koo waan raawwatameef, ani ishee bira akkan ga'uuf kaadhima koo anaaf kenni!>> jedhe. 22Kana irratti Laabaan namoota iddoo sanaa hundumaa walitti qabee cidha in godhe. 23Galgala garuu intala isaa Liyaa fuudhee Yaaqoobitti geesse; innis ishee bira dhaqe. 24Laabaan xomboree isaa Zilfaa, xomboree akka taatuufitti, intala isaa Liyaadhaaf in kenne. 25Yeroo bari'es kunoo, isheen Liyaa ta'uun ishee in barame; Yaaqoob yommus Laabaaniin,<<Wanti ati ana irratti hojjette kun maali>> Ani Raaheliif jedhee siif hin hojjennee>> Yoos ati maaliif haxxummaa ana irratti hojjette ree?>> jedhe. 26Laabaan immoo deebisee,<<Biyya keenyatti ishee angafa dura ishee quxisuu hin kennan; 27ishee kanaaf torban misirrummaa raawwadhu, yommus ishee kaanis siif in kennina; ati garuu deebitee waggaa torba anaaf in hojjetta!>> jedhe. 28Yaaqoobis akka inni jedhe in godhe; torban misirrummaa ishees in raawwate; Laabaan immoo yeroo sanatti intala isaa Raahelin isatti in heerumsiise. 29Laabaan xomboree isaa Bilhaa, intala isaa Raaheliif xomboree akka taatuuf in kenneef. 30Yaaqoob, Raahel biras in dhaqe; inni Liyaa caalaatti Raahelin in jaallate; kana booddees waggaa torba dabalee Laabaaniif in hojjete*.#30 Lew 18:18
Ijoollee Yaaqoobiif Dhalatan
31Liyaan akka hin leelifamin Waaqayyo yommuu arge, dhala godhachuu ishee in dandeessise; Raahel garuu dhabduu turte*. 32Liyaan ulfooftee, ilma in deesse; isheen,<<Waaqayyo gad deebi'uu koo waan ilaaleef, amma dhuguma abbaan manaa koo ana in jaallata>> jettee, maqaa isaa Ruubenitti#Uma 29:32 <<Ruuben>> jechuun <<Ilma nan arge>> jechuu dha. in moggaafte. 33Ammas ulfooftee, ilma deessee,<<Waaqayyo akka ani hin leelifamin dhaga'ee, ilma isa kanas immoo anaaf kenne>> jettee, maqaa isaa Shimi'oonitti#Uma 29:33 <<Shimi'oon>> jechuun <<Anaaf dhaga'e>> jechuu dha. in moggaafte. 34Ammas ulfooftee, ilmas deesse; isheen,<<Amma ilmaan sadii waanan isaaf godhadheef, abbaan manaa koo alana anatti in maxxana!>> jette; kanaafis maqaa isaa <<Lewwii#Uma 29:34 <<Lewwii>> jechuun <<Walitti maxxansuu>> jechuu dha.>> jette in moggaafte. 35Ammas ulfooftee, ilmas deesse; isheen,<<Alana Waaqayyoon nan jajadha!>> jette; kanaafis maqaa isaa <<Yihudaa>> jettee moggaafte; [<<Yihudaa>> jechuun <<Galataa>> jechuu dha]; kana booddees da'uu in dhaabde.#31 25:21-22

Поточний вибір:

Seera Uumamaa 29: MacQul

Позначайте

Поділитись

Копіювати

None

Хочете, щоб ваші позначення зберігалися на всіх ваших пристроях? Зареєструйтеся або увійдіть