Jennaan sheexanii gaara dheeraa tokko isa korsiisee marroo tokkoon guddinna lafa tanaa cufa garsiisee, “Waan akka anin abbaa fedhuu kennu harka kiyyatti kennaniif, jabeenna lafa tanaa cufaa fi horii isiillee cufa sii kennaa, duuba yo atin jilbiiffattee naa sagadde wantii kun cuftii kankee taati” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Qoonqoon Waaqaa, ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagad, isuma callaa Waaqeffadhi’ jetti” jedheen.