Huji Ergattu 4
4
1Ato Petrofi Yohanani taani gumiini hasaanu, qaalolefi namicha gudda Mana Waaqatiifi Sadukayoni worrati d'ufani. 2Duuba Waan Petrofi Yohanani maro kaisa Yesotiifi, Nami due inkaa jed'ani barsiisaniifi, 3Petrofi Yohana qaqabani mana hid'aansa keesa kayani, waan lafti galgalooftefi haga boriyya achuma keesati lakisani. 4Taatule nami dubbi suni d'agaye hedduuni d'ugefate; nami d'iira ka d'ugefate haga kunki shani.
5Boriyya jara gugurda Yahuditiifi jaarolefi jari Seera beekhu Yerusalemu keesati, 6Anasi Qaallicha Guddafi Kayafafi Yohanafi Iskandafi worra d'ibi ka fiit'a Qaallicha Guddatini wolwoldaani. 7Petrofi Yohana jiddu worra keesa d'aabani waan jed'aniini, Humna tamiini yokhaani maqa eenutiini waan kana tolchitani? 8Jennaani Petroni Lubbu Qulqullooni guutamnaani waan worraani jed'e, Shumootaafi jaarole gosa Israeli, 9Yo isani guyya kana waan huji dansa ta nu tolchine, namicha naafa kana fayyimne nu qortani, 10isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja. 11#Far 118.22 Yesoni kuni sunuma ka t'aafiini waan isaa dubbatte waan jettu, D'akhaani isani ijartuuni tuffattani ya d'akha jaba tahe. 12Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.
13Jaaroleeni kora jannooma Petrofi Yohana arginaani, ammalle aka worri woma insoomiini hubannaani mamte, aka worri Yeso woliini tae beekhani. 14Waan dubbatani d'abani, maro namicha fayyisani kaani, ka Petrofi Yohana bira eju, arganifi. 15Tanaafi, Hasaa qamna, fulla korati yaa worraani jed'ani, wolmariatani waan woliini jed'ani, 16Worra kana maani tolchina? Nami Yerusalemu keesa jiru ch'ufti aka worri kuni waan mama kana tolche quba qaba, nu dandeenne imorminu. 17Ammo aka nama ch'ufa waan kana d'agayu d'owarru, koota, worrati seera, aka guyya d'ibi maqa kanaani nama imbarsiimne. 18Petrofi Yohana yaamani iti seeraani, aka maqa Yesotiini maro d'ibi nama imbarsiimne.
19Ammo worri waan jed'eeni, Isaniyu ilaala, dubbi teesani mo ta Waaqa ch'aqamna? 20Wonti akanatiifi nu waan d'ageenne argine kana d'ossu indandeenu. 21Duuba kori kaani maro nami ch'ufti waan argeefi Waaqa faarseefi, waan worra tolchu d'abe iti seere galakise. 22Namichi fayyisani kaani ganni isaa afurtama ira jira.
Gumiini jannooma kad'atti
23Eegi gallakisani, worri gumiti dachae, waan qaalole gugurdofi jaaroleeni worraani jette ch'ufa gumiti hasaani. 24#Bah 20.11; Neh 9.6; Far 146.6Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte. 25#Far 2.1-2 Atini afaani tisse tante, abba keenna Dauditini dubbatte waan jette,
Gochiti d'ibiini maafi dalante,
yokhaani biyyiti maafi ufumaa wo heredde?
26Hayyooti lafa ch'ufa kurfefatte,
jari lafa fidu wold'aqe,
aka Aabboofi Kristo isaa ijeesani.
27 #
Mat 27.1-2; Mar 15.1; Luk 23.1,7-11; Yoh 18.28-29 Dira kana keesati Herodefi Pontio Pilatoni gosa d'ibiifi gosa Israelitiini wold'aqani, aka Yeso, hojattu tante qulqullo, ta atini Kristo tolchite ijeesani. 28Worri wold'aqe aka waan ch'ufa ka atini harka kanketiifi fed'i tantetiini qara buufatte tolchani. 29Ammatana, Aabbo, dubbi worri nuuni sodaachiisu tana ch'aqasi, aka tisseleeni tante jabaatte soda male dubbi tante dubbattu tolchi. 30Harka kanke d'eerefad'u, nama fayyisi, aka akheekha waan mama maqa Hojattu tante qulqullo Yesotiini tolchani. 31Eegi Waaqa kad'atani, fullaani worri iti kad'atu chochoote, worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutame, soda male dubbi Waaqa dubbatani.
Wold'aqisa gumiiti
32 #
Huji 2.44-45 Gumiini d'ugefatte suni ch'ufti nama garaa tokotiifi qalbi tokoti. Nami tokoleeni waan qabuuni kiyya injenne, ammo waan qabani ch'ufa gargari qoodatani. 33Jabeenna guddaani waan kaisa Aabbo Yeso odeesani, Waaqileeni guddise worra eebise. 34Nami tokoleeni ka gaargala qabu worra keesa injiru. Nami oobru yokhaani mana qabu, ch'ufa gurgure, hori suni ch'ufa guure, 35harka ergattuti kenna; duuba hori kaani nama ch'ufaa gargari qoodani.
36Namichi toko ka Yusufu jed'ani, ka ergattuuni Barnaba jettuuni (Nama nama jabeesu jechu), ka gosa Lawi, ka lafa Kipro, 37oobru ufi gurgure, hori suni d'ufeeni harka ergattuti kenne.
Waan Ananiafi Safira
Currently Selected:
Huji Ergattu 4: BOR
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

: