Huji Ergattu 3
3
1Guyya toko Petrofi Yohanani saatiini kad'achaa geennaani qit'e saa sagali Mana Waaqa woliini d'aqani. 2Nama toko ka haguma d'alate miili naafateeti jira. Guyya ch'ufa isa fuud'ani, fulla balbala Mana Waaqa ta mid'aadu jed'ani kayani, aka inni nama Mana Waaqa seenu hori kad'atu. 3Inni Petrofi Yohana Mana Waaqa seenani arginaani woi kad'ate. 4Petrofi Yohanani isa sonaani ilaalani waan jed'aniini, Nu ilaali! 5Inni aka woi ira argatu worra ilaale. 6Petroni waan jed'eeni, Shilingifi worqi sii kennu inqabu, ammo waan qabu sii kenna: maqa Yeso Kristo ka Nazaretitiini kai deemi. 7Petroni harka mirgicha isaa qabe oli kaase. Hojuma suni faanafi koometuuni isaa jabaatte, 8inni olch'ee ejate deeme. Jennaani worra woliini Mana Waaqa seene, olch'ech'ee Waaqa faarse. 9Nami ch'ufumaanu isa deeme Waaqa faarsu arginaani, 10aka inni nama balbala Mana Waaqa ta Mid'aadu jed'ani dura tae woi kad'atu beennaani, waan inni tahe kana guddo mamani maadefatani.
Hasaa Petro Mana Waaqa keesa
11Ato namichi kaani Petrofi Yohana qabate olch'ech'eu, nami ch'ufti mame balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae. 12Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne? 13#Bah 3.15 Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele. 14#Mat 27.15-23; Mar 15.6-14; Luk 23.13-23; Yoh 19.12-15 Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani, 15Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati. 16Jabeenna maqa isati namicha naafa kana fayyise. Waan isani argitani d'ageettani kana jabeenna maqa isaatiini tolchani. D'ugefacha inni Yeso d'ugefateti namicha kana isani durati fayyise.
17Duuba, oboleyaani tiyya, anini imbeekha, aka wonti isanifi jaaroleeni teesani Yeso tolchite daalluma. 18Waaqi waan duri afaani raagootatiini hime, aka Kristoni gaargalu male, akanaani guute. 19Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu, 20jabeenni Lubbu Qulqullo Aabbo iraa d'ufa innileeni Yeso Kristo ka qara isanii fohate erga. 21Inni gubba tau male, haga waan ch'ufa hareesa tolchaniiti, akuma Waaqi afaani raagoota isaa qulqullotiini duri hime. 22#Qab-Ser 18.15,18 Wonti akanatiifi Musani waan jed'e, Aabbo Waaqi keesani raaga isani erga, akuma inni na erge, gosa teesani keesa. Waan inni isaniini jed'u ch'ufa ch'aqasu maltani. 23#Qab-Ser 18.19 Nama waan raagi sunini jed'u inch'aqamne gumi Waaqa keesaa baasani balleesani. 24Raagooti ch'ufti, Samuelifi worri eegi isaa d'ufeleeni, waan guyya kana dubbate. 25#Uum 22.18 Kakhuuni Waaqi afaani raagootatiini kakhate teesani, isanileeni wold'aqisa Waaqi abbooti teesani woliini tolche qoodattani. Akuma inni Abrahamuuni jed'e, D'aloota keetiini anini nama lafa ch'ufa eebisa. 26Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.
Aka Petrofi Yohana kora keesati himatani
Currently Selected:
Huji Ergattu 3: BOR
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

: