YouVersion Logo
Search Icon

Huji Ergattu 5

5
1Ammo namicha toko jira, ka Anania jed'ani, niitiini isaa Safira. Inni oobru toko gurgurate, 2hori haga gari, ka niitiini isaa beetu, hambifate, ka hafe kaani ergattuti kenne. 3Petroni waan jed'eeni, Anania, Sheet'ani maafi garaa kanke keesa seene, atini Lubbu Qulqulloti kiyyibde, hori argatte gama toko hambifatte? 4Eegi oobru suni ingurguriini tanteti, gurgurraanile horiini kanketi. Atini maafi garaa kanke keesati aka waan kana tolchitu qulqulte? Atini nama insoomne ammo Waaqa sobde! 5Akuma waan kana d'agayeeni, Ananiani jige due; nami waan kana d'agaye ch'ufti sodaate. 6Jari kaima toko d'ufe, reefa isaa woyaani mamare d'aqe awaale.
7Eegi saa sadifa niitiini isaa, ta waan kana tokole quba inqamne, mana olseente. 8Petroni waan isiini jed'e, Me nati himi, oobru suni woma kanati gurgurtani? Isiini waan jetteeni, Ee, woma suniti, gurgurre. 9Duuba Petroni waan jed'eeni, isani akami aka lubbu Aabbo sobdani wold'at'ani? Me ilaali, miili jara d'iirsa kanke awaale ammalle fulluma balbala jira, sile imfuud'ani. 10Isiini hojuma suni miila isaa durati jidde doote. Jari kaima kaani olduunnaani isi doote argani duuba baatani d'aqani d'awatu d'iirsa isiti awaalani. 11Gumi Waaqatiifi nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo sodaate.
Akheekhafi waan mama heddu
12Harki ergattu akheekhafi waan mama heddu gumi keesati tolche. Worri ch'ufti garaa tokooni balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae. 13Biyyiti ch'ufti waan dansuma worraa dubbate, ammo maro sodaatiifi nami tokoleeni worraati daramu dad'abe. 14Ammo nami hedduuni, d'iirafi nad'eenileeni d'ugefannaani gumi Aabbooti darame. 15Maro waan kanatifi nama fayyad'abe sireefi itile ira ch'iifsisani karaati geesani, aka yo Petroni achi dabru gandiduni isaa worra ira baatu. 16Nami hedduuni Yerusalemufi dira d'awatu Yerusalemuti yae, nama fayyad'abefi ka jinni hamtu qabu worratiini d'ufani; nama ch'ufa fayyisani.
Ergattu gargalchani ammalle
17Qaallicha Guddafi nami isa woliini jiru ch'ufti, ka goli Sadukayo, guddo ergattu qot'isani, 18ergattu guurani, mana hid'aansa keesa naqani. 19Ammo malaikaani Aabbo toko d'ufte, halkani balbala bante, worra hid'aansa keesaa yaafte, waan jetteeni, 20Beena, Mana Waaqa d'aqa, dubbi jireenna hareesa kana hasaa, nama barsiisa. 21Akasi d'ageennaani worri Mana Waaqa ganamaani duude nama barsiise.
Jennaani Qaallicha Guddafi waheli isaa ch'ufti d'ufani, jaarole kora wolti yaamani, akasi jechaani jaarole ch'ufa ta gosa Israeli jecha; duuba nama mana hid'aansati ergani, ergattu yaamani. 22Ammo shumooti d'ufte mana hid'aansa keesaa worra d'abde, gara jaarole koraa d'at'e iti himte waan jette, 23Yo nu mana hid'aansatiini baane, balbala hid'aansa qabdu agarre, askarti eedule agarre, ammo balbala banannaani nama tokole keesa d'amne. 24Gudda Mana Waaqatiifi qaaloleeni gugurdooni waan kana d'ageennaani waan ergattuuni taate guddo mamte. 25Jennaani namichi toko d'ufe waan worraani jed'e, Ilaala, jari isani mana hid'aansa keesa nat'ani, Mana Waaqa keesa ejaanje biyya barsiisu jira jed'e. 26Jennaani namichi gudda Mana Waaqa askarti woliini ergattu fuud'u d'aqe, ammo irreeni infuune laanuma fuud'ani, wonti akanatiifi worri waan biyyiti d'akhaani d'aantu sehe sodaate.
27Eegi d'ufaniini jaarole kora dura d'ad'aabani, Qaallichi Guddaani worra gaafate waan jed'eeni, 28#Mat 27.25 Nu ya aka isani maqa kanaani imbarsiimne isaniti seereeyu? Ammo isani ya Yerusalemu dubbi tanaani guuttani, ammalle d'iiga nama kana mata keenna ira kayu feetani! 29Ammo Petrofi ergattuuni d'ibiini waan jetteeni, Nu nama ira Waaqa ch'aqasu malle. 30Waaqi ababoota teenna, Yeso ka isani ijeeftani mukha irati fanniftani kaase. 31Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu. 32Waan kana nuleeni isaa d'uga, nufi Lubbuuni Qulqulloleeni, ta Waaqi worra isa ch'aqasu kennu.
33Waan kana d'ageennaani garaani isaani guddo gubate, aka ergattu ijeesani mariatani. 34Ammo namichi Farisayo toko, ka Seera beekhu, ka nami ch'ufti saadu, ka Gamalieli jed'ani, kora jaarole keesati olejate, Ergattu diqo toko alati baasa jed'e. 35Jennaani waan jaaroleeni jed'e, Isani worra Israeli, waan jara kana tolchitani eegad'a. 36Duri namichi toko ka Theuda jed'ani, ka nama gudda ufi sehe, d'ufe, nami haga d'ibba afuri isati mataqe. Ammo isa ijeesani, jennaani nami isa gula yae ch'ufti gargari firfirfame. 37Eegi nama suni, bara maqa nama t'aafani kaani namichi Galilaya toko ka Yuda jed'ani, nama heddu ufiti yaame. Ammo isale ijeesani, ammalle nami isa gula yau ch'ufti gargari firfirfame. 38Tanaafi amma waan anini isaniini jed'u, Jara kana hanqad'a, lakisa. Yo dubbi tanaafi hujiini tuni ta namaa taate inuma baddi; 39ammo yo ta Waaqaa taate balleesu indandeetani. Hegeri isani Waaqaani morkitanifa. 40Worri dubbi isaa quufe, ergattu yaamani d'aanani, aka worri deebie maqa Yeso Kristotiini nama imbarsiimne seeraani gallakisani. 41Ergattuuni ta gammada qabdu kaate jaarole kora biraa yaate, waan Waaqi maro maqa Yesotiifi gaargalafi ch'eera worratiini d'ufeefi. 42Guyya ch'ufa Mana Waaqatiifi mana biyya keesaleti Odu Dansa ta Yeso Kristo odeesani nama barsiisani.
Nama torba fohatani

Currently Selected:

Huji Ergattu 5: BOR

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Video for Huji Ergattu 5