YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 14

14
Du'uu Yohaannisii Cuupha'aa
(Mar. 6:14-29; Luq. 9:7-9)
1Bara san bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee, 2Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera. Kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatamte» jedhe. 3#11:2; Luq. 3:19-20 Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture. 4#19:9; Seera Leewwotaa 18:16; 20:21 Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture. 5#21:26 Heroodiis, Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade, gumiin ammoo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate. 6Haata'uu ammoo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodiisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbiteeti, Heroodiisiin guddiftee gammachiifte. 7Kanaafuu Heroodiis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif kaku'uun waadaa galeef. 8Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette. 9Mootiinillee hin gadde; Haata'uu ammoo waan dura kakatee fi namoota isa woliin jiraniif jedhee, mataa Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje. 10Innillee nama gara mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii mursiise. 11Mataa isaallee muranii Qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde. 12Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii, reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan. 13Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe. 14#9:36 Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan, qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise.
15Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e, laftillee dhiiteerti kanaaf gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin. 16Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu, isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe. 17Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, asii womaa hin qabnu» jedhaniin. 18Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» jedhe. 19#15:35-39 Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galateeffatee xoroshoo caccabsee, darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan. 20#Mootota 2ffaa 4:43-44 Gumiin martinuu nyaatanii quufanii; hambaa irraa hafe, xoroshoo gindoo #14:20 gindoo: kooboo kudha lama guutuu fuudhan. 21Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin, dhiirti callaan kuma shan.
Yesuus Bisaan Irra deeme
(Mar. 6:45-52; Yoh. 6:15-21)
22Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime. 23#Luq. 6:12; 9:18, 28 Yesuus gumii haga geegesseen maayii, faateeffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte, inni hojjuma ufii achi ture. 24Hennaa san yaballi ammoo, galaana edduu uduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef, dambali'iin asii fi achi raafamte. 25Halkan keessa gara iyya lukkuu lammaffa'aa Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe. 26#Luq. 24:37 Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii, bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan. 27Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.
28Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a, yoo si taate, gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen. 29Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Maarre Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf, bisaan irra deeme. 30Haata'uu ammoo, hunna bubbe'ee hennaa arge, sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a, na oolchi.» jedha'aa iyye. 31#8:26 Yesuus yoma san harka ufii hiixatee, isa qabee, «Ati bada nama amantaa dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen. 32Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise. 33#16:16; Yoh. 1:49 Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif.
Yesuus Genesaarexitti Worra Dhibame Fayyise
(Mar. 6:53-56)
34Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa gama ceeyan, lafa Genesaarexi jedhamtu gayan. 35Worri hulee san jiran Yesuusiin ta'uu haga beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii, dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan. 36#9:20-21; Luq. 6:19 Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in