YouVersion Logo
Search Icon

Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 20

20
Mammaaka Waan Hojjattoota Maasaa Woyni'ii
1«Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti. 2Saantimii guyyaa tokkootiin#20:2 saantibii guyyaa tokkootiin: diinaarii haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge. 3Sa'aatii sadihitti bayee worra hujii hin qabne namoota biraa ka raasaa dhaabata'aaran arge; 4Innillee isaaniin, ‹Maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aatii hojjadhaa'a! Waan isin barbaachisu ani isinii kennaa.› isaaniin jedhe. Isaanillee achi dhaqan. 5Inni gara sa'aatii jahaatii fi gara sa'aatii sagaliitittillee bayee akkasuma godhe. 6Gara sa'aatii kudha tokkootitti bayee namoota biraa ka dhaabataniiran argee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabattan?› isaaniin jedhe. 7Isaanillee ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argatanii.› isaaniin jedhe. 8#Seera Leewwotaa 19:13; Seera Keessa deebi'ii 24:14-15 Hennaa aduun dhiite, Abbaan maasaa woyinii sanii, ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti, mindaa isaanii kaffaliif.› jedheen. 9Worri gara sa'aatii kudha tokkoffa'aatitti hujii galanillee dhufanii, marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan. 10Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, isaan caalaa guddaa waan fudhatan seeyanii; isaanillee ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan. 11Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman. 12‹Hojjattoonni duubarra qaxaraman sa'aatii tokko calaa hujan, ati ammoo nu worra aduu keessatti gubbata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wolqixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman. 13Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan akkana jedhe, ‹Jaalalloo kiyya si hin yakkine, gatii guyyaa tokkootiin wolii hin gallee? 14Ani ka maayessa kanaallee akkuma sii kenne kennu'uufii fedha; gayaa kee fudhadhuutii deemi; ani horii kiyyaan waan fedhe godhuu hin danda'uu? 15Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaaftaa?› jedhe.
16Achiin maayessa Yesuus, «Worri maayessaa afoo, worri afo'oo maayessa ta'an worri waamame heddu, worri filatame ammo hago'o.» jedhe.
Yesuus Waan Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Hennaa Sadaffaa Dubbate
(Mar. 10:32-34; Luq. 18:31-34)
17Yesuusillee gara Yeruusaaleemii uduu deema'aaru karaa irratti hojja isaanii darasoota gara ufii waamee, 18#16:21; 17:22-23; Luq. 9:22 «Kunoo, nu gara Yeruusaaleemii baya'aarra. Ilmi namaa bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatitti dabarfamee kennama. Isaanillee murtee du'aa itti murteessan. 19Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.
Kadhaa haadha Ilmaan Zabdewoosii
(Mar. 10:35-45)
20Achiin maayessa haati ijoollee Zabdiwoosii ijoollee ufii woliin gara Yesuusii dhuftee, isa afo'otti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte.
21Yesuus, «Maal barbaadda?» jedhe. Isiinillee, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan tokko bita'aan akka taa'an naa godhi.» jetteen.
22 # 26:39; Yoh. 18:11 Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin.
23 # Hu. Er. 12:2; Mudh. Yoh. 1:9 Yesuusillee, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan, cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan. Haata'uu ammoo mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu.» isaaniin jedhe.
24Darasoonni kudhanii waan kana hennaa dhagayan, obboleeyyan lamaan sanitti aaran. 25#Luq. 22:24-26 Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti guggurdonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan. 26#23:11; Mar. 9:35; Luq. 22:26; Qor. 1ffaa 9:19 Isin biratti akkasii mit. Haata'uu ammoo isin keessaa guddaa ta'uu ka fedhu hojjataa keessan haata'uu. 27Isin keessaa afoo ta'uu ka fedhu, hojjataa keessan haa ta'uu. 28#Luq. 22:27; Filph. 2:7; Xim. 1ffaa 2:6; Phex. 1ffaa 1:18-19 Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe.
Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise
(Mar. 10:46-52; Luq. 18:35-43)
29Yesuus Iyyaariko'oo bayee hennaa deemu, gumiin hedduu isa faanaa deeman. 30Namoonni ballaan lamaan uduu karaa irra taa'aniiran, Yesuus karaa san irra akka lufa'aaru dhagayanii, «Gooftaa, Ilma Daawitii nu fayyisi» jedha'aa iyyan.
31Gumiin akka isaan cadhisan teedeffatan; isaan ammoo ittuma caalchisanii laagaa gudda'aan, «Gooftaa'a, Ilma Daawitii, nu fayyisi» jedha'aa iyyan. 32Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» jedhe.
33Isaan deebisanii, «Gooftaa'a, ijji teenna akka banamtu barbaanna» jedhaniin.
34 # 9:29-30 Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee, isaanillee isa faanaa deeman.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in

Videos for Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 20