Wongeela Maatewoosii 17
17
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
(Mar 9:2-13; Luq 9:28-36)
1Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase. #2Phe 1:17-18 2Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete. 3Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane. 4Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, “Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo feedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaaraa” jedhe. 5Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, “Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!” jette. 6Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane. 7Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, “Ka'aa, hin sodaatina'a!” jedheen. 8Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine.
9Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, “Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee barattoota ifii ajaje. 10Barattooti isaalle, “Barsiisoti seera Muuse'ee Eliyaasitti dursee dhufuu qaba maaf jedhan ree?” jedhanee isa gaafatane. 11Inni deebisee, “Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa; 12Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata” jedheen. 13Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane.
Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise
(Mar 9:14-29; Luq 9:37-43)
14Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, 15“Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu#17:15 gaggaddu'uu: gaggaddo'oo waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. 16Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne” jedhe. 17Yesuus deebisee, “Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!” jedhe. 18Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
19Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, “Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?” jedhanee isa gaafatane. 20Yesuus deebisee, “Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeefannaa haga midhaan sanaaficci'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‘Asii ka'ii achi deemi!’ yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [21Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu” isaaniin jedhe.]#17:21 woraabbiin durii durii gariin laakkossa kana hin qabu
Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate
(Mar 9:30-32; Luq 9:43-45)
22Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, yesuus isaaniin, “Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, 23isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane.
Kaffala Gibira Galma Waaqaa
24Yesuusii fi barattooti isaa yenna Qifirnaahom gayane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, “Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?” jedhaneen.
25Pheexroos, “Ee, hin kanfala” jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, “Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?” jedhee isa gaafate.
26Pheexroos deebisee, “Nama biyya dhibi'ii irraa guuran” jedheen.
Yesuus deebisee, “Nami biyya isaanii bilisa ree! 27Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaani isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii anaaf, ifille'eef kaffali!” jedheen.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 17: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: