Wongeela Maatewoosii 18
18
Ka Caalu Eennu
(Mar 9:33-37; Luq 9:46-48)
1Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?” jedhaneen. 2Inni daa'ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, 3“Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa'immaanii hin te'in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba'aatitti hin galtanu. 4Eennulle ka akka daa'ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba'aa keessatti mara ka caalu te'a. 5Eennulle daa'ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu ana fudhata.
Gara Cubbu'uu Ataabuu
(Mar 9:42-48; Luq 17:1-2)
6Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa anatti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya. 7Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni guffachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! 8Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya. 9Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya.
Mammaassa Hoolee Baddee
(Luq 15:3-7)
10Yesuus, “Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha'a. [11Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.]#18:11 woraabbiin durii gariin laakkossa 11 hin qabanu 12Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu? 13Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. 14Akkasuma worraa didiqqaa kana keessaa tokkochille akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti.
Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu
(Luq 17:3)
15“Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. 16Inni yoo si hin dhage'in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. 17Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkoyi.
18“Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a. 19Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. 20Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira” jedhe.
Woliif Araaramuu
21Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, “Gootta'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?” jedheen. 22Yesuus deebisee, “Ani haga yennaa torbaatamii torbaa#18:22 woraabbiin gariin “Yennaa torbaatama yennaa torba” jedha ti malee, haga yennaa torbaati si'iin hin jedhu.
23“Waan kanaaf mootummaan ol-gubba'aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti. 24Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane. 25Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje. 26Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‘Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala’ jedhee kadhate. 27Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise. 28Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‘Beenyaa kiyya naaf deebis’ jedheen. 29Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‘Naa ossadhu, ani sii kaffala’ jedhee isa magannifate. 30Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha'aatitti galchisiise. 31Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane. 32Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‘Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise. 33Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu'uu hin mallee ree?’ jedheen. 34Aari'iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
35Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 18: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: