Wongeela Maatewoosii 22
22
Mammaassa Jila Fuudhaa Fi Heerumaa
(Luq 14:15-24)
1Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, 2“Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. 3Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. 4Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‘Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocoommiin qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa koya'a jedha'aatii itti hima'a’ jedhe. 5Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; 6worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeesse. 7Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. 8Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‘Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. 9Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!’ jedhe. 10Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame.
11“Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. 12Namichaan, ‘Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?’ jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. 13Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‘Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi booyiis hin te'a’ jedhe. 14Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a” jedhe.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
(Mar 12:13-17; Luq 20:20-26)
15Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. 16Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, “Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. 17Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!” jedhaneen.
18Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, “Isin kijiboolle'e! Maaf haga na ilaaltan? 19Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?” jedhe. Isaanille beesee#22:19 beesee: Kitaabi Giriikii dinaara jedha san tokka itti fidane. 20Achiin duuba inni, “Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?” jedhee isaan gaafate.
21Isaan deebisanee, “Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti” jedhaneen.
Achiin duuba inni, “Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a” isaaniin jedhe.
22Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
(Mar 12:18-27; Luq 20:27-40)
23Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee,#HuE 23:8 24“Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti’ jedheera. 25Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. 26Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. 27Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. 28Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?” jedhanee isa gaafatane.
29Yesuus deebisee, “Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. 30Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. 31Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? 32Inni, ‘Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii ti’ jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aati malee, Waaqa worra du'a'aatii moti” isaaniin jedhe. 33Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.
Ajaja Guddicha
(Mar 12:28-34; Luq 10:25-28)
34Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. 35Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, 36“Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?” jedhee isa gaafate. 37Yesuus deebisee, “ ‘Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaalladhu’. 38Ajaji guddichi duraa isaa kana. 39Lammeessoolle isuma fakkaata: ‘Ollaa keeti akka mataa keetii jaalladhu’. 40Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiis raagotaa marti hundeeffamaneeran” jedhe.
Gaaffi Marroo Masiihii
(Mar 12:35-37; Luq 20:41-44)
41Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, 42“Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?” jedhee isaan gaafate.
Isaan, “Ilma Daawwitii ti” jedhaneen.
43Yesuus, “Attamiin Daawwiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‘Goottaa’ jedhaa isa waamaa,
44‘Waaqi Goottaa kiyyaan,
haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti,
Midda kiyyatti tee'i’ jedheen ree?
45Daawwiti yoo, ‘Gottaa’ jedhee isa waame, Masihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?” isaaniin jedhe. 46Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffi tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 22: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: