Wongeela Maatewoosii 23
23
Hammeenna Barsiisota Seera Muuse'eetii Fi Fariisaayotaa
(Mar 12:38-39; Luq 11:43-46; 20:45-46)
1Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee, 2“Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran. 3Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a. 4Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu. 5Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Wayyichaa keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. 6Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, 7addee dikko'oolle'etti negeya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‘Barsiisa'a’ jettee akka isaan waantu jaalatan. 8Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‘Barsiisa'a’ jedhantanee hin waamamina'a. 9Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‘Abbaa’ jettanee hin waamina'a. 10Sooressi keessaan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‘Sooressa’ jedhantanee hin waamamina'a. 11Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti. 12Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama” jedhe.
Yesuus Kijiba Isaaniitiif Yakkaa Itti Mure
(Mar 12:40; Luq 11:39-42, 44, 52; 20:47)
13Yesuus, “Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [14Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboolle'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.]#23:14 Barreeffam durii durii gariin laakkossa 14 hin qabanu
15Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.
16“Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‘Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti’ jettan. 17Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala? 18Isin, ‘Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti’ jettan. 19Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala? 20Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, adee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; 21nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata; 22nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata.
23Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka basobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e#23:23 onkooshe'e: okoshee, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane. 24Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan.
25Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera. 26Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi#23:26 woraabbiin durii durii gariin qoriille itti dabala, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a.
27“Barsiisota Seeraatii fi Fariisayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti. 28Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.
Yesuus Morroo Adabama Isaanii Dubbate
(Luq 11:47-51)
29“Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seechan. 30Isin, ‘Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu’ jettan. 31Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan. 32Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree! 33Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'iiti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree? 34Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. 35Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan. 36Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa” isaaniin jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Gadde
(Luq 13:34-35)
37Yesuus ammalle, “E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane. 38Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe. 39Ani isinitti hima, ‘Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame’ haga jettanutti deebitanee ana hin dhaggitanu” jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 23: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: