Wongeela Maatewoosii 27
27
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mar 15:1; Luq 23:1-2; Yoh 18:28-32)
1Barii halkaniin moototi hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane. 2Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane.
Du'a Yihuda'aa
(HuE 1:18-19)
3Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii#27:3 meetii: yaadanno 26:15 irratti kenname ilaali soddoma san mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee, 4“Nama yakkaa hin qanne dabarsee kennisaan yakkeera” isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, “Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!” jedhane.
5Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise.
6Moototi hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, “Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti” jedhane. 7Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane. 8Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, “Lafa dhiigaa” jedhantee waamanti. #HuE 1:18-19
9Wonni Ermiyaasiin raagichi, “Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herredde fudhatte; 10akkuma Goottaalle ana ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane” jedhee dubbate muummotte.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mar 15:2-5; Luq 23:3-5; Yoh 18:33-38)
11Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, “Ati mootii Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate.
Yesuus, “Maarre atuu jette” jedheen. 12Inni ammoo yennaa mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine.
13Achiin duuba Philaaxoos, “Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?” jedheen. 14Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate.
Yesuusitti Du'a Murane
(Mar 15:6-15; Luq 23:13-25; Yoh 18:39--19:16)
15Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. 16Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu. 17Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, “Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame” isaaniin jedhe. 18Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera.
19Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, “Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe” jettee ergaa itti ergite.
20Moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeeffamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane. 21Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, “Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?” jedhee isaan gaafate.
Isaanille, “Barabbaa nuuf hiiki!” jedhane.
22Philaaxoos, “Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?” isaaniin jedhe.
Isaan martinuu, “Inni fannifamuu ti!” jedhane.
23Achiin duuba inni, “Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?” jedhee isaan gaafate.
Isaan ammoo, “Inni fannifamuu ti!” jedhanee iyyanee hogisane.
24Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, “Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!” jedhe. 25Achiin duuba kolbaan duudiinuu, “Dhiiga isaatiif, nutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti” jedhanee deebisane.
26Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne.
Loltooti Yesuusitti Taphatane
(Mar 15:16-20; Yoh 19:2-3)
27Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane. 28Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, 29dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, “Mootii Yihudootaa, jiraadhu!” jedhaa itti taphatane. 30Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane. 31Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane.
Yesuus Fannifame
(Mar 15:21-32; Luq 23:26-43; Yoh 19:17-27)
32Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. 33Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; “Golgootaa” jechuun “Addee buqqii mata'aa” jechu'u. 34Isaan dhaadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne. 35Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane. 36Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane. 37Isaan barreeffama isa ittiin himatane, “Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus” ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane. 38Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane. 39Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa, 40“Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!” jedhaa isa arrassane.
41Akkasuma moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jarsolee woliin itti taphatanee, 42“Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uuti; nuutille isatti hin dhugeeffanna. 43Inni Waaqatti addatee, ‘Ani Ilma Waaqaati’ waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuuti” jedhane. 44Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrasane.
Du'a Yesuusii
(Mar 15:33-41; Luq 23:44-49; Yoh 19:28-30)
45Orraa sa'aatii jaan jalqabee haga sa'aatii sagalii latti duudiin dukkanootte. 46Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf ana lakkitte?” jechu'u.
47Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, “Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira” jedhane. 48Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii#27:48 ispoonjii: waan bisaan nafaan xuuxu fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
49Worri dhibiin ammoo, “Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!” jedhane.
50Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
51Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e. 52Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane. 53Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane.
54Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, “Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhane.
55Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu. 56Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira.
Yesuus Awwaalame
(Mar 15:42-47; Luq 23:50-56; Yoh 19:38-42)
57Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu. 58Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje. 59Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree, 60goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme. 61Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu.
Worra Goda Awwaalaa Eegu
62Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa sanbataa moototi hayyoootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee, 63“Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‘Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a’ waan inni jedhe nuuti hin qaabanna. 64Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‘Inni du'a keessaa ka'eera’ hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a” jedhaneen.
65Philaaxoos, “Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a” isaaniin jedhe. 66Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 27: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: