Wongeela Maatewoosii 28
28
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mar 6:1-10; Luq 24:1-12; Yoh 20:1-10)
1Sanbati dabareen duuba, Dilbata#28:1 Dilbata: guyyaa jalqaba torbaanii barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. 2Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. 3Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, wayaan isaa akka dhakaa roobaa ti. 4Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee#28:4 hollatanee: rommanee akka nama du'ee te'ane.
5Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, “Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. 6Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame koya'aa ilaala'a. 7Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‘Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan’ jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera” jedhe. 8Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.
9Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, “Nageenni isiniif te'u!” isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. 10Achiin duuba Yesuus, “Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan” isaaniin jedhe.
11Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara mootota hayyootaatitti himane. 12Moototi hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, 13“Isin, ‘Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane’ jedha'aa kolba'atti hima'a. 14Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona” jedhaneen. 15Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
(Mar 16:14-18; Luq 24:36-49; Yoh 20:19-23; HuE 1:6-8)
16Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane. #Mat 26:32; Mar 14:28 17isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. 18Yesuus gara isaanii dhufee, “Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti anaaf kennanteerti. 19Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a. #HuE 1:8 20Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira” isaaniin jedhe.
Currently Selected:
Wongeela Maatewoosii 28: GAXNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: