Seera Ba'uu 1
1
Warri Israa'el Biyya Gibxiitti Wal Horanii Baay'achuu Isaanii
1Ijoolleen Yaaqoob isa Israa'el jedhame, warri maatii isaanii fudhatanii Yaaqoobii wajjin biyya Gibxiitti gad bu'an maqaan isaanii kanatti aanee jira; 2Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, 3Yisaakor, Zebuloon, Benyaamiin, 4Daan, Niftaalem, Gaadi, Asheer. 5Sanyiin Yaaqoob kun lubbuu torbaatama turan; Yoseef duraan iyyuu biyya Gibxii ture*. 6Barri isaanii genyaan Yoseef, obboloonni isaa hundinuu, dhaloonni bara sana keessa turan hundinuus in du'an. 7Sanyiin Israa'el warri achitti hafan garuu wal horanii, baay'atanii, gurmuu baay'ifatanii, guddaa jabaatanii biyyicha in guutan*.#1-5 Uma 46:8-27 7 Uma 12:2; Far 105:24; HoE 7:17-19
Namoonni Israa'el Biyya Gibxiitti Cunqurfamuu Isaanii
8Ergasii immoo mootiin haaraan Yoseefin hin beekne tokko biyya Gibxii irratti in mo'e*. 9Mootichi saba isaatiin,<<Ilaa! Namoonni Israa'el kun guddaa baay'atanii nutti jabaataniiru. 10Egaa isaan kana caalaa akka hin baay'anne gochuudhaaf, kottaa afchaalummaadhaan isaan in qabannaa; kanaa achi lolli yoo ka'e diina keenya bira goranii, nu lolanii biyya keessaa in ba'u>> jedhe*. 11Kanaaf warri Gibxii namoota Israa'el hojii jabaadhaan gad qabanii, humnaan akka hojjechiisaniif namoota itti godhan; warri Israa'elis mandaroota gombisaa midhaanii Fiitoomii fi Raamsesin Fara'ooniif innis mootii warra Gibxiif in ijaaran*. 12Danuudhuma warri Gibxii gad isaan qaban keessaa, warri Israa'el immoo caalaa baay'atanii, lafa guutan; kana irraa kan ka'e warri Gibxii jabeessanii isaan in sodaatan. 13Warri Gibxii Israa'elootatti hammaatanii akka garbaatti isaan hojjechiifatan. 14Suphee isaan kuchisiisuudhaan, xuuphii isaan tolchisiisuudhaan, hojii garaa garaa maasii keessaa hojjechiisuudhaanis hojii isaanitti ulfaachisanii jireenya itti hadheessan; hojii kana hundumaa hojjechiisuudhaan isaanitti in hammaatan.#8 Far 105:25; HoE 7:18 10 HoE 7:19 11 Uma 15:13; 47:11
15Yommus mootiin Gibxii deessiftuu dubartoota Ibrootaa warra <<Siifraa fi Phuwaa>> jedhamaniin, 16<<Dubartoota warra Ibrootaa yommuu deessiftan, akkuma mucaan dhalateen dhiira ta'ee fi durba taatee ishee ilaalaa! Dhiira yoo ta'e ajjeesaa! Durba yoo taate garuu jireenyatti hambisaa!>> jedhe. 17Deessiftoonni sun garuu Waaqayyoon waan sodaataniif, akka mootiin Gibxii isaan abboome hin goone; mucooliin dhiiraas akka jiraatan godhan. 18Mootiin Gibxii yommus deessiftoota sana waamsisee,<<Maaliif dubbii kana balleessitanii, mucooliin dhiiraa akka jiraatan gootan?>> isaaniin jedhe.
19Deessiftoonni sun immoo mootichaan,<<Dubartoonni warra Ibrootaa akka dubartoota warra Gibxii miti; isaan jireenya isaaniiti jajjaboo dha, deessiftoonni utuu isaan bira hin ga'in da'anii in eegu>> jedhan. 20Waaqayyo immoo deessiftoota sanaaf gaarii godhe; namoonni Israa'elis baay'atanii guddaa in jabaatan. 21Warri deessiftuun Waaqayyoon waan sodaataniif inni immoo mana isaan godhachiise. 22Kana irratti mootichi saba isaa hundumaa abboomee,<<Ijoollee dhiiraa warra Ibrootaa hundumaa akka dhalataniin bishaan Abbayyaa keessa buusaa, ijoollee durbaa isaanii immoo jireenyatti hambisaa!>> jedhe.
Currently Selected:
Seera Ba'uu 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.