Seera Uumamaa 31
31
Yaaqoob, Laabaan Biraa Baqachuu Isaa
1Ilmaan Laabaan,<<Kan abbaa keenyaa kan ture hundumaa Yaaqoobtu fudhate, kan abbaa keenyaa isa tureenis badhaadhummaa kana hundumaa argate>> ittiin jechuu isaanii Yaaqoob in dhaga'e. 2Akkasumas Laabaan akka isaa durii akka faara itti hin tolle, Yaaqoob fuula isaa irraa in arge. 3Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,<<Gara biyya abboota keetti, gara lammii keettis deebi'i, anis sii wajjin nan ta'a!>> jedhe. 4Yaaqoob kanaaf Raahelii fi Liyaatti ergee, gara bakkee lafa karri bushaayee isaa jiranitti in waamsise. 5Isaaniinis,<<Abbaan keessan amma akka isaa durii akka faara anatti hin tolle, ani fuula isaa irraa nan arga; Waaqayyo inni kan abbaa kootii garuu anaa wajjin ta'eera. 6Ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif akkan hojjedhe immoo, isin in beektu. 7Inni garuu na gowwoomsee gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddare; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo akka inni na miidhu hin goone. 8Yeroo Laabaan,<<Warri xiiffeen gatii dadhabbii kee haa ta'an>> jedhe, karri bushaayee hundinuu ilmoolee xiiffee in dhalu turan; yeroo inni,<<Warri qaxxaamurroo qaban gatii dadhabbii kee haa ta'an>> jedhes, karri bushaayee hundinuu qaxxaamurroo dhalan. 9Akkasitti Waaqayyo horii abbaa keessanii isa harkaa baasee, anaaf kenneera.
10<<Yeroo bushaayeen korbeessa kajeelanitti, ani ol ilaalee abjuutti korbeeyyiin warri qaxxaamurroo qaban, xiiffeen, booxxoon, utuu bushaayee hobobsanii nan arge. 11Yommus ergamaan Waaqayyoo abjuutti,<<Yaaqoob!>> naan jedhe; anis,<<Asan jira!>> nan jedheen. 12Innis,<<Ani wanta Laabaan si irratti hojjete waanan argeef, ol jedhi, korbeeyyiin warri bushaayee hobobsan hundinuu qaxxaamurroo kan qaban, xiiffee, booxxoos akka ta'an ilaali! 13Ani Waaqayyo isa Bet'el iddoo ati utubaa dibdee wareega itti anaaf wareegde sanatti sitti mul'atee dha; ammas ka'i, biyya kana keessaa ba'ii adeemi, gara biyya lammii keettis deebi'i!>> naan jedhe>> jedhe*.#13 28:18-22
14Raahelii fi Liyaanis deebisanii,<<Ga'aan, dhaallis mana abbaa keenyaa keessa nuuf jiraa ree>> 15Nuyi isa biratti akka ormaatti ilaalamneerra mitii ree>> Inni nu gurgureera, horii waa'ee keenyaaf kennames nyaatee fixe mitii ree>> 16Badhaadhummaan inni abbaa keenya kana harkaa Waaqayyo baase immoo kan keenya, kan ijoollee keenyaa tis; kanaaf amma ati waanuma Waaqayyo siin jedhe godhi!>> ittiin jedhan.
17Ergasii Yaaqoob ilmaan isaa fi dubartoota isaa gaala irra kaa'atee in ka'e; 18inni horii qe'ee hundumaa, mi'a manaa isa argate hundumaas, horii qe'ee qabeenya isaa keessaa warra Phaadaan-Aaramitti horate oofatee gara biyya Kana'aan, gara abbaa isaa Yisihaq dhaquudhaaf in ka'e.
19Laabaan hoolota irraa rifeensa murmurachuu dhaqee ture; Raahelis Waaqayyo tolfamaa isa kan abbaa ishee mana keessaa in hatte*; 20Yaaqoob akka baqachuu yaade isatti himachuu dhiisuu isaatiin, Laabaanin namicha biyya Aaram sana garaa nyaachise. 21Inni wanta qabu hundumaa wajjin baqatee, laga Efraaxiis in ce'e; fuula isaas gara tulluu Giil'aaditti in qajeelfate.#19 Abo 18:17; 1Sam 19:13; 2Mot 23:24
Laabaan, Yaaqoobin Ari'uu Isaa
22Yaaqoob akka baqate gaafa guyyaa sadaffaa Laabaanitti himame; 23inni yommus namoota aantii isaa fudhatee, guyyaa torba Yaaqoobin ari'ee, Giil'aad biyya tulluu gubbaatti isatti in dhi'aate. 24Waaqayyo garuu halkan abjuutti Laabaan nama biyya Aaram sana bira dhufee,<<Gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!>> jedheen.
25Laabaan, Yaaqoobin in qaqqabe; Yaaqoob biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaanis namoota aantii isaa wajjin Giil'aad biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa in dhaabbate. 26Laabaan achitti Yaaqoobiin,<<Ati na sossobdee, intaloota koos akka waan billaadhaan booji'amaniitti fudhattee sokkuu keetiin maal gochuu kee ti>> 27Ati maaliif dhoksaatti baqatte>> Maaliifis na sossobde>> Ani gammachuudhaan, weedduudhaan, dibbeedhaa fi kiraaraan akkan si geggeessutti maaliif anatti himuu didde>> 28Maaliifis akka ani intalootaa koo fi ijoollee koo dhudhungadhee nagaa itti hin dhaamne goote>> Egaa kana ati gowwummaadhaan hojjette. 29Si, namoota kees miidhuu illee nan danda'an ture, garuu Waaqayyo inni kan abbaa keetii eda halkan,<<Ati gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!>> naan jedhe; 30adeemuu illee ati mana abbaa kee baay'iftee waan yaaddeef adeemte ta'a, garuu waaqayyolii koo immoo maaliif hatte?>> jedhe. 31Yaaqoob immoo deebisee,<<Intaloota kee humnaan ana irraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef, utuu sitti hin himin nan sokke; 32Yaaqoob akka Raahel waaqayyolii Laabaan hattee turte waan hin beekiniif, namni ati waaqayyolii kee biratti argattu hafee hin jiraatu; fuula aantii keenyaa kana duratti mi'a koo keessa ilaaltee, yoo argite fudhadhu!>> jedheen*.#32 31:19
33Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaas lixee, darbees dunkaana xomboreewwan lamaanii lixe; garuu waaqayyolii isaa hin arganne; dunkaana Liyaa keessaa ba'ees kan Raahel in lixe. 34Raahel immoo waaqayyolii mana keessaa sana fuutee koraa gaalaa jala keessee irra teesse; Laabaanis waanuma dunkaanicha keessa ture hundumaa qaqqabee in ilaale; garuu waaqayyolii isaa hin arganne. 35Isheenis abbaa isheetiin,<<Garaa dhukkubbiin anatti dhufnaan, siif ka'uu waanan dadhabeef, ati gooftaan koo anatti aartee hin boba'in!>> jette; inni akkasitti yoo fonqolche iyyuu waaqayyolii mana keessaa sana hin arganne*.#35 Lew 15:19-20
36Yommus Yaaqoob aaree, Laabaanitti ori'ee,<<Maalan balleesse>> Cubbuun koo inni ati faana dhooftee na ari'aa dhufteefis maali>> 37Mi'a koo hundumaa keessa yoo fonqolchite iyyuu, mi'a mana kee hundumaa keessaa maalfaa argatte>> Yoo jiraate, isaan nu lamaan gidduutti akka faradaniif, aantii koo fi aantii kee kana dura kaa'i! 38Ani waggoota digdaman si bira ture; kana keessatti hoolonnii fi re'oonni kee warri dhaltuun hin gatanne; korbeeyyii bushaayyee keetiis ani hin nyaanne. 39Horii warra bineensi caakkaa cabses, hir'ina isaa ofitti nan lakkaa'e malee, fidee sitti hin argisiifne; warra guyyaa butaman, warra halkan butamanis, ati harka koo keessaa eeggatte. 40Ani akkasitti nan ture; guyyaa ho'a isaa, halkanis qora isaatu na waxale; hirribnis ija koo irraa in baqate. 41Waggaa digdaman kana ani mana kee keessan ture; waggaa kudha afur intaloota kee lamaaniif, waggaa ja'a immoo bushaayyee keefan siif hojjedhe; atis kana keessatti gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddarte*. 42Waaqayyo inni kan abbaa kootii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni Yisihaq safeeffatu utuu gara koo goruu dhabaatee, ati amma harka koo duwwaa na ergita turte; Waaqayyo garuu gad deebi'uu koo fi harkaan itti dadhabee hojjechuu koo argee, eda halkan si ifate>> jedheen*.#41 30:31-36 42 31:24
Yaaqoobii fi Laabaan Walii Galuu Isaanii
43Laabaan deebisee Yaaqoobiin,<<Dubartoonni kun intaloota koo ti, ijoolleen kun ijoollee koo ti, bushaayeen kunis bushaayee koo ti, wanti ati argitu hundinuu kan koo ti; garuu ani har'a intaloota koo kanaa fi ijoollee isaanii warra isaan da'aniif maal gochuun danda'a*>> 44Kottu, ammas anii fi ati kakaadhaan walii in gallaa, innis sii fi ana gidduutti dhugaa ba'uudhaaf haa ta'u!>> jedhe. 45Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee utubaa seenaa godhee ol qajeelchee in dhaabe; 46Yaaqoob aantii isaatiin,<<Dhagaa walitti qabaa!>> jedhe; isaanis dhagaa fidanii tuulanii, isa irratti in nyaatan. 47Laabaan afaan Aaramitti,<<Yegaar-Sahadutaa#Uma 31:47 <<Yegaar-Sahadutaa>> yookiis <<Gaal-Ed>> jechuun <<Tuullaa dhuga-baatuu>> jechuu dha.>> jedhee tuullaa sana in moggaase; Yaaqoob immoo afaan Ibrootaatti<<Gaal-Ed>> jedhee in moggaase. 48Laabaan,<<Tuullaan kun har'a sii fi ana gidduutti dhuga-baatuu dha>> jedhe; kanaaf<<Gaal-Ed>> jedhee isa moggaase*. 49Akkasumas,<<Waaqayyo yeroo nuyi walittii gargar baanutti, sii fi ana gidduutti eegduu haa ta'u!>> waan jedheef,<<Maqaan isaa Miisphaadhas>> jedheera*. 50Itti dabalees,<<Ati intaloota koo kana yoo rakkifte, intaloota koo irratti yoo fuute, namni nu bira yoo jiraachuu dhabaate illee, Waaqayyo sii fi ana gidduutti akka dhugaa ba'u yaadadhu!>> jedhe.#43 Bau 21:2-4 48 Iya 24:27 49 Abo 11:11
51Laabaan itti dabalee Yaaqoobiin,<<Tuullaa kana, utubichas isa ani sii fi ana gidduu dhaabe ilaali! 52Tuullaan kun dhuga-baatuu dha, utubichis ani tuullaa kana akkan sitti hin darbine, ati miidhaadhaaf tuullaa kana, utubaa kanas akka anatti hin darbineef dhuga-baatuu dha. 53Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Naahor, Waaqayyo inni kan abbaa isaanii nu gidduutti in farada>> jedhe; Yaaqoob akkasitti isa abbaan isaa Yisihaq safeeffatuun in kakate. 54Yaaqoob biyya tulloota irratti aarsaa dhi'eessee, aantii isaas buddeena akka nyaataniif in waame; isaanis buddeena nyaatanii, halkan guutuu achi turan.
55Laabaan ganama bariidhaan ka'ee, ijoollee isaa, intaloota isaas dhudhungatee, isaan in eebbise; kana booddee Laabaan isaanittii gargar ba'ee gara iddoo isaatti in deebi'e.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 31: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.