Seera Uumamaa 38
38
Yihudaa Fi Taamaar Haadha Manaa Ilma Isaa
1Yommus Yihudaan obboloota isaa biraa ba'ee utuu adeemuu, mana namicha mandara Adulaam, maqaan isaa <<Hiiraa>> jedhamu tokkotti in gore; 2achitti intala nama biyya Kana'aan isa maqaan isaa <<Shuwaa>> jedhamu tokko in argate; intalattii in fuudhe, ishee biras in ga'e. 3Isheen ulfooftee ilma in deesse; maqaa isaas <<Eer>> jettee in moggaafte. 4Ammas ulfooftee ilma in deesse; maqaa isaas <<Onaan>> jettee in moggaafte. 5Dabaltees ilma in deesse; maqaas isaa <<Shelaa>> jettee in moggaafte; isheen mucicha biyya Kiziibitti in deesse.
6Yihudaan kana booddee immoo Eer ilma isaa isa angafa intala <<Taamaar>> jedhamtu tokko in fuusise. 7Eer ilmi Yihudaa inni angafni garuu, Waaqayyo duratti nama jal'aa ture; kanaaf Waaqayyo akka inni du'u godhe. 8Yihudaan yommus Onaaniin,<<Gara haadha manaa obboleessa keetii dhaqi, barcuma isaa qajeelchi, obboleessa keefis sanyii kaasi!>> jedhe*. 9Onaan garuu sanyiin kan isaa ti akka hin jedhamne waan beekuuf, obboleessa isaa sanyii malee hambisuudhaaf, yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga'u, isa sanyii ta'u sana lafatti naqee in balleessa ture. 10Wanti inni hojjete kun Waaqayyo duratti jal'aa ta'ee argame; kanaaf Waaqayyo innis immoo akka du'u godhe. 11Yommus Yihudaan,<<Ilmi koo akkuma obboloota isaa du'innaa laata>> jedhee waan yaadeef, Taamaar haadha manaa ilma isaatiin,<<Hamma Shelaan ilmi koo ga'utti, akka gursummaatti mana abbaa kee taa'i!>> jedhe; Taamaaris kana irratti dhaqxee mana abbaa ishee in teesse.#8 Kes 25:5-10
12Bara baay'ee booddee, haati manaa Yihudaa intalli Shuwaa in duute; Yihudaan gadda isaa erga dhiisee, ka'ee fira isaa isa <<Hiiraa>> jedhamu nama mandara Adulaam sanaa wajjin gara Tiimnaa lafa hoolota isaa irraa rifeensa murmuran in dhaqe. 13Yommus namoonni,<<Kunoo, abbiyyuun kee hoolota isaa irraa rifeensa murmursiifachuuf Tiimnaatti ol in ba'a>> jedhanii Taamaaritti in himan. 14Shelaan fuudha ga'e ture, isheen garuu isatti akka hin heerumsiifamin argitee, uffata dubartii abbaan manaa irraa du'e isa uffachaa turte ofittii baaftee, wayyaa biraa ofitti martee shaashiis haguuggattee, karaa Tiimnaa dhaqu irra balbala kellaa Enaayim dura in teesse.
15Taamaar fuula isheetti haguuggattee waan teessuuf, Yihudaan ejjituu ishee se'e malee ishee hin hubanne. 16Isheen haadha manaa ilma isaa ta'uu ishee waan hin beekiniif, gara lafa isheen karaa bukkee teessutti goree,<<Mee kottu, ani si bira nan ga'aa!>> jedhe; isheen immoo,<<Ati na bira ga'uudhaaf, maal anaaf kennita?>> jetteen*. 17Inni deebisee,<<Bushaayee keessaa korbeessa reettii xobbee tokko siif nan erga>> jedhe; isheen immoo,<<Hamma anaaf ergitutti immoo, qabsiisa yoo anaaf kennite in ta'a!>> jette. 18Yommus inni,<<Qabsiisaaf maal siif kennu ree?>> jedhe; isheen immoo deebiftee,<<Amartii mallattoo kee maataba isaa wajjin, ulee qabattee adeemtu kanas anatti kenni!>> jette; innis kana kenneefii, ishee bira in ga'e; isheen isaaf in ulfoofte. 19Isheenis kaatee achii adeemtee, shaashii fuulatti haguuggatte sana of irraa fuutee, uffata ishee isa dubartiin abbaan manaa irraa du'e uffattu sanas deebiftee in uffatte.#16 Lew 18:15
20Yeroo muraasa booddee Yihudaan qabsiisa sana dubartittii harkaa fudhachuudhaaf, korbeessa reettii xobbee tokko, karaa fira isaa nama mandara Adulaam sanaa in ergeef; inni garuu ishee arguu hin dandeenye. 21Inni,<<Gaalamoonni isheen karaa mandara Enaayim bukkee turte amma eessa jirti?>> jedhee namoota iddoo sanaa iyyaafate; isaan immoo,<<Lakkii, gaalamoonni as hin turre!>> jedhan. 22Yommus inni deebi'ee Yihudaa bira dhufee,<<Ani dubartittii arguu hin dandeenye; namoonni iddoo sanaa immoo,<<Gaalamoonni as hin turre>> naan jedhan>> jedhe. 23Yihudaan deebisee,<<Ani kunoo korbeessa xobbee sana isheedhaaf ergeera, ati garuu ishee arguu hin dandeenye; ammas namni nutti hin kolfin duwwaa malee, isheen mee isuma qabde sana haa fudhattu!>> jedhe.
24Akka ji'a sadii booddee,<<Taamaar haati manaa ilma keetii ejjiteetti, amma kunoo isheen ejjummaadhaan ulfoofteetti>> jedhanii Yihudaatti himan; Yihudaan deebisee,<<Gad ishee baasaa, haa gubamtu!>> jedhe. 25Yeroo gad ishee baasanitti, nama tokko abbiyyuu isheetti ergitee,<<Ani abbaa amartii mallattoo maataba isaa wajjin jiru kanaaf, abbaa ulee kanaaf nan ulfaa'e>> jette; itti dabaltees,<<Amma isaan kun kan eenyu akka ta'an mee hubadhuu ilaali!>> jettee itti in dhaamte. 26Yihudaan kana hubatee erga ilaalee,<<Ishee ilma koo Shelaatti waan ani hin heerumsiisiniif, anatu isheetti balleesse, isheen dhugaa qabdi>> jedhe; inni ergasii deebi'ee ishee bira hin geenye.
27Yeroon da'uu ishee yommuu ga'e, kan isheen garaatti baattu lakkuu ta'ee argame; 28utuu isheen da'umsa irra jirtuu, inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee,<<Isa kanatu dura lafa ga'a>> jettee, fo'aa diimaa harka isaatti hiite. 29Yeroo inni harka isaa ol deebifatetti immoo, obboleessi isaa isa dura lafa ga'e; deessiftuunis,<<Ati maal maal humnaan karaa ciratte!>> jette; kanaaf maqaa isaa Faaresitti#Uma 38:29 <<Faares>> jechuun <<Karaa ciruu>> jechuu dha. moggaasan*. 30Obbooleessi isaa inni fo'aa harka isaattii qabu sun, isa booddeedhaan lafa ga'e; maqaa isaa immoo <<Zaaraa>> jedhanii moggaasan.#29 Rut 4:18; Mat 1:3
Currently Selected:
Seera Uumamaa 38: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: