Seera Uumamaa 39
39
Qorama Biyya Gibxiitti Yoseef Irra Ga'e
1Yoseef gara biyya Gibxiitti gad in geeffame; hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuun eegdotaa, namni biyya Gibxii sun, warra Ishmaa'el warra gara Gibxiitti isa fidan irraa isa in bitate*. 2Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu wal qixxaateef; inni mana gooftaa isaa nama Gibxii sanaa keessa ture*. 3Gooftaan isaas, Waaqayyo akka Yoseefii wajjin jiru, waan inni harkaan qabus Waaqayyo akka wal qixxeessuuf in arge. 4Yommus Yoseef faara gooftaa isaa argatee, itti dhi'aatees isaaf in hojjete; namichi immoo hojii mana isaa akka inni ilaaluuf, qabeenya isaa hundumaa harka isaa jala in galche. 5Waaqayyo erga gaafa namichi hojii mana isaa, waan qabu hundumaas Yoseef akka ilaalu godhatee jalqabee, sababii Yoseefiif jedhee mana namicha Gibxii sana in eebbise; eebbi Waaqayyoo wanta inni mana keessaa, alaas qabu hundumaa irra ture*. 6Akkasitti namichi wanta qabu hundumaa harka Yoseefitti in dhiise; buddeena nyaatu duwwaa malee, lafa qabeenyi isaa jiru iyyuu tokko illee hin beeku; Yoseef immoo dhaabbii in tola, ija namaattis in miidhaga ture.#1 37:28,36; Far 105:16-19 2 26:24; HoE 7:9 5 30:27
7Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yoseef irra buufattee,<<Anaa wajjin ciisi!>> ittiin jette. 8Inni garuu didee, haadha manaa gooftaa isaa sanaan,<<Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa ana harka jiru hin beeku; wanta kan isaa ta'e hundumaa harka koo jala galcheera; 9mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha>> Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?>> jedhe*. 10Isheen guyyuma guyyaatti Yoseefitti kana yoo dubbatte iyyuu, inni ishee wajjin ciisuudhaaf yookiis ishee biratti argamuudhaaf, ishee dhaga'uu hin barbaanne.#9 Bau 20:14; Lew 18:20
11Gaaf tokkos Yoseef hojii isaa hojjechuudhaaf manatti yeroo ol galetti, namoonni achi keessaa warri kaan tokko illee mana hin turre; 12haati manaa gooftaa isaatii wayyaa isaa qabattee,<<Anaa wajjin ciisi!>> ittiin jette; inni garuu wayyaa isaa ishee harkatti dhiisee, baqatee manaa in ba'e. 13Isheen immoo Yoseef wayyaa isaa ishee harkatti dhiisee, alatti baqachuu isaa yeroo argite, 14namoota mana ishee keessa hojjetan waamtee,<<Waan namichi Ibrichi nutti haa taphatuuf, abbaan manaa koo nutti fide godhe kana ilaalaa! Inni anaa wajjin ciisuudhaaf anatti ol gale, ani immoo sagalee koo guddisee nan iyye; 15inni akka ani sagalee koo ol fuudhee iyye dhaga'ee, wayyaa isaa ana biratti dhiisee, baqatee manaa ba'e>> jetteen.
16Isheen hamma gooftaan isaa galutti, wayyaa isaa of bira keessee eegde. 17Abbaa manaa isheettis oduudhuma akkasii himtee,<<Garbichi Ibrichi inni ati nutti fidde, anatti taphachuudhaaf anatti ol gale; 18garuu akkuma ani sagalee koo ol fuudhee iyyeen immoo, wayyaa isaa ana biratti dhiisee alatti baqate>> jette.
19Gooftaan isaa yeroo isa haati manaa isaa,<<Garbichi kee akkas na godhe>> jettee itti himte dhaga'etti, aaree in boba'e. 20Kana irratti Yoseefin fuudhee, mana hidhaa isa warri mootichi hiisisu keessatti eegamanitti, isa galchisiise; innis mana hidhaa sana keessa ture. 21Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise; namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef. 22Eegduun mana hidhaa sunis, namoota hidhamanii mana hidhaa sana keessa turan hundumaa, eegumsa Yoseef jala galche; waan achitti hojjetamuun ta'u hundumaas isatu hojjeta ture. 23Waaqayyo Yoseefii wajjin ture, waanuma inni hojjetu waan isaaf wal qixxeessuuf, namichi mana hidhaa eegu sun waan eegumsa Yoseef jala galche hundumaa isatti dhiisee, isa harkattis hin lakkoofne.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 39: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.

: