Seera Uumamaa 15
15
Waadaa Rabbi Abraamii Gale
1Waan kanaan maayessa Rabbi Abraamiin,
«Abraamii kiyya! hin sodaatin; ani wontee keetii,
guddisee si eebbisa» hennaa jedhu manaaba keessa dhagaye.
2Abraam ammo, «Rabbii kiyya! ani finna waan hin qabneef eebbi ati naa kennitu maal naa godha? qabeenna kiyya Eli'eezarii nama Damaasqo'ootitu dhaalaa; 3Abraam Ati finna waan naa hin kennineef hojjataa mana kiyya keessatti dhalatetu na dhaalaa» jedhe. 4Kanaan maayessa Rabbi Abraamiin «Kun si hin dhaalu; finnuma kee ka gudeeda keetii bawutu si dhaala» jedhe. 5Rabbi Abraamiin gara raasa'aa baaseenii «Urjii Sami'ii ol laali yoo ka laakkawuu dandeettuu laakkayi, horteen keellee akkanuma baay'ta» jedheen. #Rom. 4:18; Ibr. 11:12
6Abraamillee Rabbitti amane; amantiin isaallee qajeellumma'atti laakkayameef. #Rom. 4:3; Gal. 3:6; Yaq. 2:23
7Ani Rabbi, «Wonti biyya uurii gosa Kaladaawotaa keessaa si baaseef akka lafa tana dhaaltuuf» jedheen.
8Abraam, «Rabbii kiyya! akka lafa tana dhaalu attamiin beeka?» Jedhee gaafate. 9Rabbi, «Raada woggaa sadihii, Re'ee woggaa sadihii, hoolaa Woggaa sadihii, handarii guddo'oo fi diqqoo qabii naa fidi» jedheen. 10Abraamillee kanniin maraa qabee bakka lamatti qoodee ka qoode san wolitti aansee akka gosa isaaniitiin wol ladda kaaye; handariiwwan ammo adda hin qoonne. 11Allaattiiwwan foon irratti buunaan Abraam irraa ari'e. 12Haga aduun dhiite Abraamiin hirribni guddaan qabee dukkantinii fi naasuun guddaan itti bu'e. #Iyyo. 4:13-14 13Rabbi Abraamiin, «Horteen kee biyya namaatitti galtuu ta'ee akka jiraatu beeki; woggoota dhibba afuriif garboota godhatanii isaan rakkisan. #Ser. Ba'u. 1:1-14; Hu. Er. 7:6 14Ani banii garbicha isaan godhate san irratti hin murteessa; achiin maayessa qabeenna guddaa fudhatanii achii bayan. #Ser. Ba'u. 12:40-41; Hu. Er. 7:7 15Ati ammo woggaa baay'ee jiraattee duutee nagayaan awwaalamtee abbootii teetitti eda'amta. 16Fiixaan kee dhaloota arfeesso'oo irratti as deebi'an; waan cubbuun worra Amoorotaa guutee hin jirreef» jedheen. 17Haga aduun dhiitee guddisee dukkanaaye; aarri sunsuma ibiddaatii fi Arrabni ibiddaa mudhatee foon kukkutame jidduu lufe. 18Gaafas Rabbi Abraamiin «Laga Misiriitii haga laga guddaa Efraaxisii lafa tana maraa hortee keetii kenneera. #Hu. Er. 7:5 19Akkasuma Qeenota, Qeneezota, Qadimoota, 20Keexota, Feerzota, Raafmota, 21Amoorota, Kana'aanota, Gergesootaa fi Iyyaabusootallee sii kenneera» jedhee waadaa galeef.
Currently Selected:
Seera Uumamaa 15: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in