YouVersion Logo
Search Icon

Lewwota 12

12
Daʼumsa Booddee Qulqullaaʼuu
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati. 3Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu. 4Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin. 5Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi.
6“ ‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu. 7Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti.
“ ‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha. 8Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’ ”

Currently Selected:

Lewwota 12: HAH

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in