Lewwota 21
21
Seera Lubootaaf Kenname
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhiitii ilmaan Aroon luboota sanatti dubbadhu: ‘Lubni tokko nama fira isaa keessaa duʼeef jedhee of hin xureessin; 2garuu firoota dhiigaatiif jechuunis haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa, 3yookaan obboleettii isaa kan sababii hin heeruminiif isa wajjin jiraattuuf jedhee of xureessuu dandaʼa. 4Garuu namoota karaa fuudhaa fi heerumaatiin firoota isaa taʼaniif jedhee of hin xureessin; akkasiinis xuraaʼaa hin taʼin.
5“ ‘Luboonni mataa isaanii yookaan qarqara areeda isaanii hin haadatin yookaan dhagna isaanii hin madeessin. 6Isaan Waaqa isaaniitiif qulqulloota haa taʼan; maqaa Waaqa isaaniis hin xureessin. Isaan waan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, nyaata Waaqa isaanii sana dhiʼeessaniif qulqulloota taʼuu qabu.
7“ ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban. 8Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Waaqa keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani Waaqayyo inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii.
9“ ‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu.
10“ ‘Lubni obboloota isaa keessaa luba ol aanaa taʼee zayitiin ittiin diban mataa isaa irratti naqame kan akka uffata lubummaa uffatuuf muudame tokko mataa isaa filachuu hin dhiisin yookaan uffata ofii hin tarsaasin. 11Inni iddoo reeffi jiru hin seenin. Abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif iyyuu jedhee of hin xureessin; 12yookaan sababii zayitiin ittiin diban kan Waaqa isaa isa irra jiruuf inni iddoo qulqulluu sana keessaa hin baʼin yookaan iddoo qulqulluu Waaqa isaa hin xureessin. Ani Waaqayyo.
13“ ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi. 14Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu; 15kunis akka inni gosa isaa keessatti sanyii isaa hin xureessineef. Ani Waaqayyo isa qulqulleessuu dha.’ ”
16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 17“Arooniin akkana jedhi: ‘Dhaloota itti aanu keessatti sanyii kee keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. 18Namni hirʼina kam iyyuu qabu tokko iyyuu jechuunis namni jaamaan yookaan naafni, namni bifaa fi dhagna hin tolle, 19namni miilla yookaan harka cabaa qabu, 20yookaan namni dugda goophoo yookaan ooluun yookaan namni dhibee ijaa qabu yookaan namni madaa malaʼu qabu, yookaan namni cittoo qabuu fi namni kolaafame hin dhiʼaatin. 21Sanyii Aroon lubichaa keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. Inni waan hirʼina qabuuf nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. 22Innis nyaata Waaqa isaa kan nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼee fi nyaata qulqulluu nyaachuu dandaʼa. 23Garuu inni sababii hirʼina qabuuf akka iddoo qulqulluu koo hin xureessineef golgaa keessa hin seenin yookaan iddoo aarsaatti hin dhiʼaatin. Ani Waaqayyo isa isaan qulqulleessuu dha.’ ”
24Museen Aroonitti, ilmaan Aroonittii fi Israaʼeloota hundatti waan kana hime.
Currently Selected:
Lewwota 21: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.