Lewwota 23
23
Ayyaanota Murtaaʼoo
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota Waaqayyoo kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha.
Sanbata
3“ ‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti.
Ayyaana Faasiikaatii fi Ayyaana Maxinoo
23:4‑8 kwf – Bau 12:14‑20; Lak 28:16‑25; KeD 16:1‑8
4“ ‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha; 5Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama. 6Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa. 7Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. 8Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ”
Kennaa Hangafa
9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 10“Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa. 11Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu. 12Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa; 13kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii#23:13 Iifiin tokko liitirii 22. tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii#23:13 Iiniin tokko liitirii 4. tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa. 14Isin hamma gaafa kennaa kana Waaqayyoof dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
Ayyaana Torbanootaa
23:15‑22 kwf – Lak 28:26‑31; KeD 16:9‑12
15“ ‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa. 16Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessaa. 17Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii Waaqayyoof fidaa. 18Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin Waaqayyoof aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha. 19Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa. 20Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan Waaqayyoof qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis. 21Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
22“ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
Ayyaana Malakataa
23:23‑25 kwf – Lak 29:1‑6
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 24“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa. 25Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ”
Guyyaa Araarri Buʼu
23:26‑32 kwf – Lew 16:2‑34; Lak 29:7‑11
26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 27“Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. 28Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa. 29Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama. 30Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa. 31Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. 32Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
Ayyaana Daasii
23:33‑43 kwf – Lak 29:12‑39; KeD 16:13‑17
33 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 34“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura. 35Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa. 36Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
37“ ‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha. 38Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.
39“ ‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti. 40Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa. 41Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa. 42Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu; 43ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
44Museenis ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo Israaʼelootatti labse.
Currently Selected:
Lewwota 23: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.