Lakkoobsa 8
8
Ibsaawwan Kaaʼuu
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’ ”
3Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise. 4Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Waaqayyo Museetti argisiise sanaatti hojjetame.
Addaan Baafamuu Lewwotaa
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe: 6“Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi. 7Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi. 8Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi. 9Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi. 10Lewwotas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan. 11Aroonis akka Lewwonni Waaqayyo tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa dhiʼeessu.
12“Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Waaqayyoof dhiʼeessi. 13Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Waaqayyotti isaan dhiʼeessi. 14Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
15“Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan. 16Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera. 17Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe. 18Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera. 19Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.”
20Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan. 21Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse. 22Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 24“Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan; 25umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin. 26Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.”
Currently Selected:
Lakkoobsa 8: HAH
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa
Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc.
Eeyyamaan itti fayyadamu.
Mirgi hundi addunyaa guutuu irratti kan eegamee dha.
Holy Bible, New Oromo Contemporary Version™, Western
Copyright © 2022 by Biblica, Inc.
Used with permission. All rights reserved worldwide.