Kitaaba Seera Dadaa 11
11
Xelleephoo Baabilonii
1Bara san kolbaan biyya lafaa duudiin afaan tokkocha dubbatti. 2Isaan gara aduun baatu irraa yennaa godaanane, dirree takka lafa Shiinaariititti#11:2 Shiinaar: Biyya Baabilon ti. dhaqanee achitti qubatane. 3Isaan, «Kowa'a, faara loonnee, akka jabaatu gunnaa» woliin jedhane; addee dhaka'aa faara looba'aa, addee siminto'oo leyyaa biyyee keessaa dhaggamutti fayyadamane. 4Achiin duuba isaan, «Kowa'a, qachaa qacceen xelleephoo isaa ol-gubbaa gewu ijaarrannee, lafa duudii irratti akka hin bittinnoonneef, worra gurraa teena!» jedhane.
5Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e. 6Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. 7Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle,#11:7 Akka isaan wolii hin galle: Tokko dubbii kaanii akka hin dhageenn. afaan isaanii wol keessa akka makamu#11:7 Makamu: Marqam. goona» jedhe. 8Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. 9Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel»#11:9 Baabel: Afaan Ibrootaatiin Makamaa jechu'u. jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.
Sanyii Seemii
10Sanyiin Seemii isaan kana: Bisaan badi'iitiin duuba woggaa lama turee, Seem dhalatee woggaa dhibbatti, ilma ifii Arfaaksaad uumate. 11Arfaaksaad uumateen duuba, Seem woggaa dhibba shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
12Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate; 13Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
14Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate; 15Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
16Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate; 17Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
18Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate; 19Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
20Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate; 21Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
22Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate; 23Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
24Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate; 25Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
26Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate.
Sanyii Taara'aa
27Sanyiin Taara'aa isaan kana: Taaraan abbaa Abraamii, Naahoriitii fi Kaaraanii ti; Kaaraan abbaa Looxii ti. 28Kaaraan abbaan isaa Taaraan adoo jiruu addee itti dhalatetti, lafa Kaldootaa, Ur keessatti du'e. 29Abraamii fi Naahor niitii fuudhane; maqaan niitii Abraamii Saaraayi; maqaan niitii Naahoriille Miilka'a. Isiin intala Kaaraanii ti; Kaaraan Miilka'aa fi Yiiska'aafille abba'a. 30Saaraan maseena; isiin ijoollee hin qaddu.
31Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane. 32Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 11: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia