Kitaaba Seera Dadaa 10
10
Sanyii Ilmaan Nohii
(1 Dab. 1:5-23)
1Ilmaan Nohii, Seem, Kaamii fi Yaafet; bisaan badi'iitiin duuba, isaan sadiin kun ijoollee uumatane; hiddi dhaloota sanyii isaanii kanatti aanee laakkowama.
Sanyii Yaafetii
2Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas. 3Ilmaan Gomerii: Ashikenaas, Riifaatii fi Togaarma'a. 4Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish#10:4 Tarshiish: Bara ammaa Isiphaniyaa jedhama., Kitiimii#10:4 Kitiim: Bara ammaa Qophiroos jedhama. fi Rodaaniim. 5Worri lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa keessa le'u, sanyii Yaafetii tana irraa dhufane. Isaan akka biyya biyya isaaniititti, akka afaan afaan isaaniititti, akka gosa gosa isaaniititti qoqoodamee worra le'u.
Sanyii Kaamii
6Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiimii#10:6 Misraayiim: Yennaa ammaa Gibxi jedhama., Fuxii#10:6 Fuxi: Yennaa ammaa Liibiyaa jedhama. fi Kana'aan. 7Sanyiin Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'ima'aa fi Sabtekaas. Ilmaan Ra'ima'aa: Sheeba'aa fi Dedaan. 8Kuushi Naamrud uumate; Naamrud lafa irratti nama qaraa jabaa lolaan injifataa te'e. 9Inni qarqaarsa Mootii Waan Maraatiin adamsaa jaba'a; tanaaf, namooti, «Mootiin Waan Maraa akka Naamrudii adamsaa jabaa si godhu» jedhan. 10Inni jalqaba qachoota biyya Shiinaarii ka «Baabilon» jedhamee beekkamu keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti mootii te'e. 11Achi irraa gara biyya Asoorii dhaqee qachoota Nanawwe'ee, Rohobot-Irii fi Kalaa ijaare. 12Akkuma Nanawwe'ee fi Kalaa wodhakka'atti qachaa guddicha Resen ijaare.
13Sanyiin Misraayiimii: Ludiin, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim, 14Fatrusiim, Kasluhiim ka worri Filisxeemotaa irraa dhaggamee fi Kaftoriim uumate.
15Kana'aan ilma ifii angaficha Sidoonii fi ka itti aanu Heeti uumate. 16Inni ammalle abbaa Yibusootaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 17Hiiwotaa, Arqotaa, Siinotaa, 18Arwaadotaa, Simaarotaa, kamaatotaatiiyyu; duuba irra maatiin Kana'aanii, 19haga meessaa Kana'aanii ka Sidoon irraa gara fuullee Gergariitii haga Gaaza'aatitti, gara fuullee Sodoomii, Gomora'aa, Adima'aatii fi Zebo'iimiitiin haga Laasha'aa faffacaate. 20Sanyiin Kaamii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
Sanyii Seemii
21Obboleessi angafichi Yaafetii, Seemille, ilmaan uumate; ilmaan Ebeerii marti sanyii isaa ti. 22Ilmaan Seemii: Ilaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. 23Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Maash. 24Arfaaksaad, Shalaa uumate; Shalaan, Ebeer uumate; 25Ebeer ilmaan lama uumate; bara tokkochi dhalate latti waan qoqoodanteef, maqaan isaa, «Feleg#10:25 Feleg: Afaan Ibrootaatiin Qoqoodamuu jechu'u.» jedhame; maqaan obboleessa isaa Yoqxaan. 26Ilmaan Yoqxaan uumate: Almodaad, Sheleef, Hasarmaaweti, Yaaraa, 27Hadoraam, Uzaal, Diqilaa, 28Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa, 29Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab; worri kun martinuu ilmaan Yoqxaanii ti. 30Latti isaan keessa le'ane, biyya koobittii gara aduun baatuu Meshaa irraa ka'ee haga Sefariititti badhatti. 31Sanyiin Seemii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
32Maatiin ilmaan Nohii, akka dhaloota isaaniitiin, gosa gosa isaaniitiin ka qoqoodamane isaan kana; bisaan badi'iitiin duuba, gosi biyya adda addaa ta lafa irratti faffacaate marti, sanyii ilmaan Nohii irraa dhaggante.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 10: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia