YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Seera Dadaa 9

9
Gondooroo Waaqi Nohi Woliin Gondoore
1Waaqi Nohii fi ilmaan isaa eebbisee, «Hora'aa, heddadha'a, lafa guuta'a! 2Bineensoti lafa irraa marti, sinbirrooti marti, bineensoti lafa irra lowanu marti, qurxummiin abbaaya'aa marti, isin sodaatanee bararaqanuu ti; isaan harka keessanitti kennamaneeran. 3Wonni jiraatee tacho'u martinuu sagalee isiniif te'anuu ti. Akkuma duri biqiltuu magariisa akka sagalee isiniif te'anu kenne, amma waan kana mara sagalee akka isiniif te'anu kenneera. 4Ammoo jiruun dhiiga keessa waan jirtuuf, foon dhiigi keessa jiru ammalle hin nyaatina'a. 5Ani lubbuu teessan eegiisaaf, dhiiga keessan harka nama nama san ijjeeseetii fi bineensa nama san ijjeesee irraa hin barbaada.
6«Ani Waaqi akka bifa tiyyaatitti,
nama waan dadeef,
nami dhiiga namaa dhangalaasu
dhiigi isaa harka namaatiin
hin dhangalaafama.
7«Isin hora'a, heddadha'a, bacadha'aa lafa guuta'a!» jedhe.
8Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, 9«Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; 10akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 11Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi'iitiin lafa irraa deebi'ee akka hin balleessineef, bisaan badi'ii ijjumaa deebi'ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora. 12Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle'ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna: 13ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu'utti te'e hin teeti. 14Yennaa ani gubbaa duumensaan gollee, hiituun duumensa keessaan mudhattu, 15ani gondooroo tiyya ta isinii fi dada lubbuu qabu mara woliin gondoore hin qaabadha; bisaan badi'ii dada lubbuu qabu mara deebi'ee ijjumaa hin balleessu. 16Yennaa hiituun duumensa keessaan mudhattu, ani isii ilaalee, gondooroo haga bara baraa ta anaa fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hin qaabadha» jedhe. 17Waaqi Nohiin, «Beessisi gondooro'oo ka ani ifii fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hiituu tana» jedhe.
Nohii Fi Ilmaan Isaa
18Nohii fi ilmaan isaa ta hoboloo guddittii keessaa baate Seem, Kaamii fi Yaafet. Kaam abbaa Kana'aanii ti. 19Isaan sadiin kun ilmaan Nohii ti; kolbaan lafa irraa duudiinuu ilmaan sadiin tana irraa dhutte.
20Nohi, nama lafa qotu, ka woynii dhaabiisa jalqabe. 21Gaafa tokko inni yennaa daadhii woyni'ii unee machowe, qullaa dunkaanii ifii keessa rafe. 22Abbaan Kana'aanii, Kaam, abbaa ifii qullaa jiruun dhaggee, alatti obboleeyyan ifii lamatti hime. 23Achiin duuba Seemii fi Yaafet woyaa fuudhanee gurmuu ifii lamaan irra buufatanee, dudda duubaan deemanee nafa abbaa isaanii qullaa san dhossane; fuulli isaanii irraa waan garagaleeruuf, nafa qullaa abbaa ifii san hin dhaggine. 24Nohi machii yennaa bayyanate, waan ilmi isaa maandhichi isa irratti godhe beekee,
25«Kana'aan ka abaarame te'uu ti;
garbicha garboota obboleeyyan ifii te'uu ti» jedhe.
26Nohi ammalle,
«Mootiin Waan Maraa Waaqi Seemii, leellifamuu ti;
Kana'aan garbicha Seemii te'uu ti.
27Waaqi biyya Yaafetii badhisuu ti!
Yaafet dunkaanii Seemii keessa le'uu ti;
Kana'aan garbicha Yaafetiille te'uu ti» jedhe.
28Bisaan badi'iitiin duuba Nohi woggaa dhibba sadii fi shantama le'e. 29Inni wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shantama le'ee, achiin duuba du'e.

Currently Selected:

Kitaaba Seera Dadaa 9: guj

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in