Kitaaba Seera Dadaa 13
13
Abraamii fi Loox Gargar Bayane
1Abraam niitii ifiitii fi waan qabu mara fudhatee, gara biyya kibba Kana'aanii#13:1 Kibba Kana'aanii: Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali. deeme; Looxille isa woliin deeme. 2Abraam hori'iin, meeti'ii fi worqi'iin guddoo dureessa. 3Inni kibba Kana'aaniitii ka'ee, asii fi achi goggodaanee, haga Bet'elii deemee, Bet'elii fi Aayi odduu lafa dur dunkaana ifii itti dhaabbateeru takka geye. 4Dur inni addee tanatti addee ciincaa itti ciincessanu ijaareeraayyu; inni achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate.
5Looxiin Abraam woliin deemelle hori'ii fi maatii, akkasuma tajaajiltoota ifii qabaayyu. 6Abraamii fi Loox horii guddaa waan qabanuuf, woliin turiisaaf lafa marraa isaan lamaaniifuu geettu dhabanee, 7tissitoota horii Abraamiitii fi tissitoota horii Looxii oddu'utti lolli ka'e; yennaa san Kana'aanotii fi Pheeriisoti lafa san keessa le'aniiyyu.
8Achiin duuba Abraam, Looxiin, «Nuuti obboleeyyan waan teeneef, si'ii fi ana oddu'utti, tissitoota horii keetiitii fi tissitoota horii kiyyaa oddu'utti lolli ka'uu hin malle. 9Kunoo, latti duudiin si dura jirtii motii? Gargar baanuu ti! Ati yoo gara bita'aa fudhatte, ani gara middaa deema; yookiin ati yoo gara middaa fudhatte, ani gara bita'aa deema» jedhe.
10Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura. 11Maarre Loox dhooqa Yordaanosii mara filatee, gara baya adu'uu godaane. Akka kanaan isaan lamaan gargar bayane. 12Abraam lafa Kana'aanii keessa le'ee, Loox ammoo qachoota dhooqa Yordaanosii odduu le'e; dunkaana ifiille Yordaanos biratti dhaabbate. 13Bara san kolbaan Sodoomii hamoolee, worra cubbuu guddo'oon Mootii Waan Maraa yakkeeru.
Abraam Gara Kebroonii Godaane
14Loox isa irraa gargar bayeen duuba, Mootiin Waan Maraa Abraamiin, «Ol jedhiitii, lafa amma jirtu tana, kaabaa fi kibba, gara aduun baatuu fi seentu ilaali; 15Lafa ati dhaggitu tana duudii si'ii fi sanyii teetiif hin kenna; isiille haga bara baraa teessan hin teeti. 16Ani sanyii teeti akka maansa lafaa hin godha; nami maansa lafaa laakkowuu yoo dande'e, sanyiin teetille laakkowamuu hin dandeetti. 17Ani isii waan sii kennuuf, ka'iitii, dheerinna fi badhinna lafaa keessa deemi» jedhe. 18Maarre Abraam dunkaana ifii buqqifatee, qilxaa Mamre'ee ka Hebroonitti dhiko'oo bira dhufee qubate. Achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 13: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia