Kitaaba Seera Dadaa 16
16
Aggaarii Fi Ishimaa'el
1Niitiin Abraamii Saaraayi, ijoollee isaaf deettee hin jirtuuyyu. Isiin hojjattuu «Aggaar» jedhantu takka qaddi; Aggaar nama biyya Gibxi'ii ti. 2Saaraayille Abraamiin, «Mootiin Waan Maraa ijoollee dewuu akka na dhoogge hin dhaggita; hojjattuu tiyya bira geyi! Karaa isi'iitiin ijoollee hin dhaggadha fa'aa» jette. Abraamille dubbii Saaraayii dhage'e. 3Niitiin Abraamii Saaraayi hojjattuu ifii Aggaarii nama biyya Gibxi'ii san fiddee, akka niiti'iititti dhirsa ifiitiif kennite; kunille Abraam biyya kana'aanii keessa woggaa kudhan le'een duuba te'e. 4Abraam Aggaar bira geyee, isiille ulfootte; isiin akka ulfootte yennaa dhaggite, giittii ifii irratti mataa dhaadde.#16:4 Giittii ifii irratti mataa dhaaddee: jechuun kun giittii ifii tuffattee jechu'u.
5Achiin duuba Saaraayi Abraamiin, «Tun balleessaa teeti. Anumattuu isii si'iif kenne; isiin ammoo akka ulfootte beettee, na irratti mataa dhaadde. Ati yookiin ani sirrii akka teene, Mootiin Waan Maraa muruu ti» jette.
6Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte.
7Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu. 8Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen.
Isiin, «Giittii tiyya Saaraayi jalaa baqatiisatti jira» jette.
9Ergamaan Mootii Waan Maraalle, isi'iin, «Gara giittii teetii deebi'iitii, isii tajaajili» jedhe. 10Ergamaan Mootii Waan Maraa itti dabalee, «Ani sanyii teeti hin baceessa; bacinna isaaniitiin ka ka'e, eennulle isaan laakkowee hin dande'u. 11Ati amma ulfootteerta, ilmalle hin deetta; iyya ati miicantee iyyite Mootiin Waan Maraa waan dhage'eef, maqaa isaalle ‹Ishimaa'el› jetta. 12Inni akka harree diidaa hin le'a; inni nama mara hin morma; nami martille isa hin morma. Fira ifii mara irraa adda bayee hin le'a» jedhe.
13Aggaarille, «Ani dhugumaan Mootii Waan Maraa ka na dhaggu dhaggee?» waan jetteef, Mootii Waan Maraa ka isi'itti dubbate san, «El-Ro'i#16:13 El-Ro'i: Afaan Ibrootaatiin Waaqa na dhaggu jechu'u.» jettee waante. 14Tanaaf namooti baleessa Qaadeshii fi Baared wodhakkaa jiru, «Be'er-Lahaayi-Ro'i#16:14 Be-er-Lahaayi-Ro'i: Afaan Ibrootaatiin Balleessa Waaqa jiraataa na dhagguu jechu'u.» jedhanee waamane.
15Aggaar ilma Abraamiif deette; Abraamille ilma ifii ka Aggaar deette, «Ishimaa'el» jedhee maqaa baase. 16Aggaar yennaa Ishimaa'el isaaf deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jaa ti.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 16: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia