Kitaaba Seera Dadaa 19
19
Cubbuu Qachaa Sodoomii
1Ergantooti Waaqaa lamaan galgaluma san gara Sodoomii dhutte; Yennaa san Loox karra qacha'aa bira tee'eeraayyu. Inni yennaa isaan dhagge, isaan qophatiisaaf itti dhaqee lafatti gad gombifamee, 2«Goottota tiyya, maganne'ee, gara mana tajaajilaa keessanii kowa'a. Miila keessan dhiqa'aatii bula'a; barii ganama deemuu dandeettan» jedhe.
Isaan ammoo, «Waawwo'o; nuuti asuma badhinna qacha'aa bulla» jedhane.
3Inni ammoo jabeessee isaan waan kadhateef, isa woliin gara mana isaa dhaqane. Loox daabboo bilcheessanee, sagalee galgalaa dansaa akka isaaniif qopheessanu tajaajiltoota ifii ajaje. Yennaa sagaleen qophootte isaan nyaatane.
4Isaan adoo hin rafiniin dura, namooti qachaa Sodoomii, dargaggeeyyi'ii fi jaarsoleen dhiirti qachaa sanii marti mana san marsane. 5Isaan Loox waamanee, «Namooti galgala kana gara keeti buliisaaf dhufane meet? Akka isaan bukkoonsinu gad nutti baasi» jedhane.
6Loox gara isaanii gad bayee, balbala ifi duubaan cufatee, 7«Maganne'ee Obboleeyyan tiyya, waan daba akkasii hin hujina'a! 8Kunoo, ani durra lamaan ta dhiirti ijjumaa bira hin geyin qaba; isaan gad isiniif baasaa akka feetane godha'a. Namoota kana waan tokkolle hin godhina'a; isaan keessummoota tiyya waan te'aneef, ani isaan eeguu qaba» jedhe.
9Isaan ammoo deebisanee, «Namicha alagaa kana, asii badi! Waan nuuti goonu ka nutti hintu, ati eennuu? Hantuu namoota san irratti goonu caalaa hin goona» jedhane. Isaan Loox duubatti darbanee, balbala cassiisaaf bira geyane. 10Namooti keessummooti sun ammoo harka ifii gad baafatanee, Loox gara manaa ol seensisanee, balbala cufane. 11Achiin duuba isaan worra balbala manaa duraa san diqqa'aa haga gudda'aatitti ila sipheessanee, isaan balbala dhagguu dadhabane.
Loox Sodoomii Baye
12Achiin duuba worri keessummootaa sun Looxiin, «Qachaa kana keessaa ilmaanii fi ijoollee durraa, worra durra teeti kadhateeru yookiin fira dhibii yoo qabaatte as keessaa baasi. 13Nuuti addee tana balleessaarra; iyyati worra addee tanaa irratti gara Mootii Waan Maraa dhikaate guddaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa qachaa kana akka balleessinuuf nu ergeera» jedhane.
14Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte.
15Boruyyaa barii ganama ergantooti Waaqaa sun Looxiin, «Ariifadhuu, qachaan kun yennaa badu woliin akka hin banneef, niitii teeti, ijoollee teeti ta durraa lamaan fudhadhuutii addee tanaa bayi» jedhanee Loox ariifachiisane.
16Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe. 17Qachaa keessaa isaan baasaneen duuba, ergamaa Waaqaa keessaa tokkochi, «Jiruu teessan hamburatiisaaf baqadha'a; ifiin duuba hin ilaalina'a! Dhooqa keessatti eessalle'etti hin dhaabbatina'a! Akka hin duuneef gara gaaraa baqadha'a!» jedhe.
18Loox ammoo deebisee, «Waawwo'o, Goottota tiyya; 19ani tajaajilaan keessan isin duratti fudhatama dhaggadheera; jiruu tiyyalle fayyisiisaaf arjummaa guddoo naaf gootaneertan. Ani ammoo gara gaaraa baqadhee jalaa bayuu waan hin dandeenneef, badiin tun kara'atti na dhaqqaddee, ani hin du'a. 20Kunoo, qachaan sun itti baqatiisaaf dhikoo jira, qachaa diqqaalle'e. Akkuma isin dhaggitanu qachaa diqqa'aa motii ree? Ani achitti baqadhee jiruun tiyya akka fayyitu naaf godhi» jedheen.
21Ergamaan Waaqaa deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetu; qachaa jette sanille hin balleessu. 22Haga ati achi geettutti, ani womaa godhee waan hin dandeenneef, ariifadhuu, achi baqadhu» jedheen.
Qachaan sun diqqaa waan te'eef, maqaan isaa, «Zo'aar#19:22 Zo'aar: Afaan Ibrootaatiin Diqqaa jechu'u.» jedhame.
Badii Sodoomii Fi Gomora'aa
23Yennaa Loox Zo'aar gewu, aduun bayiisatti jirtiiyyu. 24Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhakaa bobe'uu fi ibidda qachoota Sodoomii fi Gomora'aa irratti ol-gubbaa irraa akka gad roobu godhe. 25Inni qachoota san, dhooqa san mara, namoota qachaa san keessaa maraa fi waan lafa san irratti lateeru mara balleesse. 26Niitiin Looxii ammoo, gara duubaa ilaaltee, soodduu sooddaa teete.
27Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, addee dur Mootii Waan Maraa dura dhaabbate dhaqe. 28Inni gara qachaa Sodoomiitii fi Gomora'aa, gara dhooqa Yordaanosii duudii gad ilaalee, aarri akka aara barbada ibiddaa ol ka'uun dhagge.
29Waaqi ammoo yennaa qachoota dhooqa Yordaanosii addee Loox le'aa ture balleesse, Abrahaam yaadatee, Loox badii hantuu san jalaa fayyise.
Mo'aabotaa Fi Amoonota
30Loox Zo'aar keessa le'uu waan sodaateef, ijoollee durraa ta ifii lamaan fudhatee, gaaratti ol bayee goda keessa le'e. 31Gaafa tokko intalti isaa angafittiin maandhitti'iin, «Abbaan keenna dulloomaara; akka ijoollee qabaannu, nami nu fuudhu tokkolle biyya tana hin jiru. 32Koy, abbaa keenna daadhii woyni'ii obaannee macheessinee, isa irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, isa woliin rannaa» jette. 33Galgala san isaan abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessanee, intalti angafittiin ol seentee abbaa ifii woliin ratte; inni yennaa isiin seentee ratte yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne.
34Guyyaa lammeesso'oo, intalti angafittiin intala maandhitti'iin, «Kunoo, ani eda abbaa kiyya woliin rafeera; galgala adhaalle daadhii woyni'ii isa obaannee macheessinuu ti; abbaa keenna irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, atille seeniitii isa woliin rafi» jette. 35Isaan galgala sanille abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessane; intalti maandhittiille kaatee, isa woliin ratte; inni yennaa isiin seente yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne. 36Akka kanaan ijoolleen durraa ta Looxii lamaanuu abbaa ifiitiif ulfootte. 37Intalti angafittiin ilma deettee, maqaa isaa, «Mo'aab#19:37 Mo'aab: Afaan Ibrootaatiin ka Abbaa Kiyya Irraa Dhalate jechu'u.» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Mo'aabota ammaa ti. 38Intalti maandhittiille ilma deettee, maqaa isaa, «Ben-Amii#19:38 Ben-Amii: Afaan Ibrootaatiin ilma gosa tiyyaa jechu'u.» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Amoonota ammaa ti.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 19: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: