Kitaaba Seera Dadaa 20
20
Abrahaamii Fi Abiilek
1Abrahaam lafa le'aa ture Mamre'ee ka'ee, Qaadeshii fi Shuur wodhakkaa qubate. Qachaa Geraarii keessa alagaa te'ee yennaa le'e, 2Abrahaam niitii ifii Saaraa, «Isiin Obboleettii tiyya» jedhe. Abiimelekiin mootiin Geraarii tana dhage'ee, itti ergee Saaraa fudhate. 3Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Abiimelekii dhufee, «Ati sababa dubartii dhirsa qaddu fudhatteef, ati du'aarta» jedheen. 4Abiimelek ammoo isii bira geyee hin jiruuyyu; maarre inni, «Goottaa kiyya, ani dhugumaan yakkaa hujee hin jiru! Anaa fi kolbaa tiyya hin balleessitaa? 5Abrahaamittuu, anaan, ‹Isiin obboleettii tiyya›, isi'ittuu, anaan, ‹Inni obboleessa kiyya› hin jennee? Ani wodanaa qulqullu'uun waan kana godheera; ani yakkaa hin qabu» jedhe.
6Achiin duuba Waaqi, oojju'uun deebisee, «Ee, akka ati wodanaa qulqullu'uun waan kana goote beekeera; tanaaf isii bira geettee akka ati na hin yakkine ka si dhoogge ana. 7Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen.
8Maarre Abiimelek barii ganamaan ka'ee, qondaaltota ifii mara wolitti waamee, waan kana mara isaanitti hime; isaanille guddoo sodaatane. 9Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen. 10Ammalle Abiimelek, Abrahaamiin, «Ati maan yaaddee, waan kana goote?» jedhe.
11Abrahaam deebisee, «Addee tana keessa nami Waaqa sodaatu ijjumaa hin jiru; isaan niitii tiyyaaf jedhanee na ijjeesan jedhee waan yaadeef tana godhe. 12Karaa tokkoon, isiin dhugumaan obboleettii tiyya. Haati tiyya hin deenne malee, isiin intala abbaa kiyyaa ti; anille isii fuudhe. 13Yennaa Waaqi akka ani mana abbaa kiyyaatii bayee gara lafa ormaa akka ideemuu na tolche, ani isi'iin, addee dhandhe maratti, ‹Inni obboleessa kiyya› jedhiisaan waan dansaa naaf godhi» jedheeraayyu.
14Achiin duuba Abiimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubartootaa fuudhee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraalle isaaf deebisee, 15«Kunoo, latti tiyya duudiin si dura jirti; addee jaalatte qubadhu» jedheen. 16Saaraalle'een, «Kunoo, fuula worra si woliin jiruu mara duratti akka ati yakkaa hin qanne mirkaneessiisaaf, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera» jedhe.
17Achiin duuba Abrahaam Waaqa daadimate; Waaqille Abiimelekii fi niitii isaa, tajaajiltoota isaa worra dubartootaalle fayyisee, akka isaan ijoollee deyanu godhe. 18Sababa Saaraa niitii Abrahaamiitiif, Mootiin Waan Maraa gadaamessa dubartoota mana Abiimelekii keessaa mara cufeeraayyu.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 20: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: