Kitaaba Seera Dadaa 21
21
Dhalatiisa Yisihaqii
1Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe Saaraa yaadatee, waadaa gale isi'iif muummesse. 2Dullummaa Abrahaamii keessa, yennaa Waaqi isatti dubbatetti, Saaraan ulfoottee ilma isaaf deette. 3Abrahaam ilma Saaraan isaaf deette san, «Yisihaq» jedhee maqaa baase. 4Ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetesso'ootitti, akkuma Waaqi ajajetti, Abrahaam haqanqabaa isa qabe. 5Yennaa Yisihaq dhalate, Abrahaam nama woggaa dhibbaa ti. 6Saaraan, «Waaqi gammadaa fi kolla naaf fideera; nami waan kana dhage'e marti na woliin hin kolla» jette. 7Saaraan itti dabaltee, « ‹Saaraan Abrahaamiif ijoollee deettee hin hoositti fa'a› eentu jedheera? Ani ammoo bara dullummaa isaa keessa ilma deyeef» jette.
8Mucaan guddatee, harma irraa gu'e; Abrahaam guyyaa Yisihaq harma irraa gu'e, jila guddoo godhe.
Aggaarii Fi Ishimaa'el Ari'amane
9Saaraan ammoo, ilmi Aggaarii Gibxittii sanii, ka isiin Abrahaamiif deette, ilma isi'ii Yisihaq woliin taphatuun dhaggite. 10Maarre Saaraan, Abrahaamiin, «Ilmi garbittii tanaa, ilma kiyya Yisihaq woliin dhaaluu waan hin malleef, garbittii tana ilma isi'ii woliin ari'i» jette. 11Ishimaa'elille ilmuma isaa waan te'eef, dubbiin tun guddoo Abrahaam rakkitte. 12Waaqi ammoo Abrahaamiin, «Marroo muca'aatii fi dubartii garbittii teetiitiif hin rakkatin; karaa Yisihaqiitiin sanyii ani waadaa sii gale waan qabaattuuf, waan Saaraan siin jettu mara godhi. 13Ilmi garbitti'iille ilmuma keetii waan te'eef, ani gosa guddoo isa hin godha» jedhe.
14Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, daabbo'oo fi bisaan qalqallu'utti guutee dudda isi'iititti ba'achiisee, mucaalle kenneefii ari'e. Isiin achii baatee goomolee Bersheeba'aa keessa joonjite. 15Yennaa bisaan qalqalluu keessaa sun dhumate, Aggaar mucaa tusee takka jalatti lakkittee, 16haga darbata laaye'ee irraa fagaattee teettee, «Yennaa mucaan kiyya du'u, tee'ee hin ilaalu» jette. Adduma teette sanitti iyyitee bowiisa jalqadde.
17Waaqille iyya bowiisa muca'aa dhage'e; ergamaan Waaqaalle ol-gubba'aa Aggaar waamee, «Aggaar, maanti si rakkise? Hin sodaatin. Waaqi iyya bowiisa muca'aa dhage'eera. 18Ani gosa guddoo waan isa godhuuf, ka'ii mucaa habbaariitii, harka keetille'een jabeessii isa qabi» jedheen. 19Achiin duuba Waaqi ila isi'ii banee boolla bisaanii dhaggite. Isiin dhaxxee, bisaan qalqallu'utti guuttee, mucaa ifiille obaatte. 20Akkuma mucaan guddataa deemeen Waaqi isa woliin jiraayyu; inni goomolee keessa le'ee, nama adhii guube'eetiin beekkame te'e. 21Inni goomolee Phaaraanii keessa le'e; haati isaalle durra worra Gibxi'ii isa fuusifatte.
Abrahaamii Fi Abiimelek Wolii Galtee Godhatane.
22Yennaa san Abiimelek, ajajaa loltuu ifii Fikool woliin dhaqee, Abrahaamiin, «Waaqi waan ati hujju maraan si woliin jira. 23Anaa fi ijoollee tiyya yookiin sanyii tiyya akka hin sonne, akkuma ani si'iif addatame, atille anaa fi lafa alagaa teetee leetuuf addatamummaa akka mudhittu, amma asitti maqaa Waaqaatiin naa kakadhu» jedhe.
24Abrahaamille, «Tole, hin kakadha» jedhe.
25Abrahaam marroo boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abiimelekii fudhatteertuu Abiimelekitti iyyate; 26Abiimelekille, «Kana ka godhe eennu akka te'e ani hin beeku; ati natti hin hinne; haga adhaalle ani hin dhageenne» jedhe. 27Achiin duuba Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abiimelekiif kennee, isaan lamaanuu wol gondoorane. 28Abrahaam goromee hoole'ee torba tika san irraa fowe. 29Abiimelekille, Abrahaamiin, «Goromee hoole'ee torba tana ati maaf foote?» jedhe.
30Abrahaam deebisee, «Akka ani boolla bisaanii tana qote dhugaa akka naaf baatu, goromee hoole'ee torba tana na irraa fudhadhu» jedhe. 31Tanaaf isaan lamaanuu achitti waan wolii kakataneef, addeen sun, «Bersheebaa#21:31 Bersheebaa: Afaan Ibrootaatiin Boolla bisaan kaku'uu jechu'u.» jedhante.
32Abrahaamii fi Abiimelek Bersheeba'atti wol gondooraneen duuba, Abiimelekii fi ajajaan loltootaa Fikool, ka'anee gara lafa Filisxeemotaa deebi'ane. 33Achiin duuba Abrahaam Bersheeba'atti muka «Tamariiski» jedhamu tokko dhaabee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa bara baraa waammate. 34Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa alagaa te'ee yennaa hedduu le'e.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 21: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: