Kitaaba Seera Dadaa 22
22
Abrahaam Haga Ilaallatame
1Wonni kun teeteen duuba, Waaqi Abrahaam haga ilaale. Inni, «Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
2Achiin duuba Waaqi, «Ilma keeti tokkochuma jaalattu san Yisihaq fuudhiitii, lafa Moriiya'aa dhaqi! Gaara ani sitti mudhisu tokko irratti ciincaa godhii isa naaf dhikeessi» jedhe.
3Maarre Abrahaam boruyyaa barii ganamaan ka'ee, qoraan ciincaa ittiin ciincessu caffatee, harree ifii fe'atee, ilma ifii Yisihaqii fi tajaajiltoota ifii ta dhiiraa dargaggeeyyii lamaan fudhatee, lafa Waaqi isatti hime dhaqiisaaf kara'atti baye. 4Guyyaa sadeesso'oo Abrahaam ol ilaalee addee san fago'otti dhagge. 5Achiin duuba Abrahaam tajaajiltoota dargaggeeyyii ifiitiin, «Isin harree woliin as tura'a; anii fi mucaan kiyya achi dhandhee, Waaqa waaqonfannee gara keessan hin deebina» jedhe.
6Abrahaam qoraan ciincaan ittiin ciinceffamu fuudhee ilma ifii Yisihaqitti ba'achiisee, ifiif ibiddaa fi billowa qabate. Maarre isaan lamaanuu woliin ideemane. 7Yisihaq abbaa ifii Abrahaamiin, «Abbaa!» jedhe; innille, «Ilma kiyya, maan?» jedhe. Yisihaqille, «Ibiddii fi qoraan kunoo ti; ammoo hooleen ciincaa ciincessinu meet ree?» jedhe.
8Abrahaam deebisee, «Ilma kiyya, Waaqinuu hoolee ciincaa ciincessinu hin qopheessa» jedhe. Isaan lamaanuu woliin deemiisa itti fufane.
9Isaan addee Waaqi isatti mudhise san yennaa geyane, Abrahaam addee ciincaa itti ciincessanu achitti ijaaree, qoraan miidhassee irra naqee, ilma ifii Yisihaq hidhee, qoraan gubbaa irkise. 10Achiin duuba Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, billowa fudhatee harka diriirfate. 11Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
12Ergamaan Mootii Waan Maraalle, «Mucaa hin tuqin yookiin waan tokkolle isa hin godhin; ati ilma keeti tokkochuma san waan naaf hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu beekeera» jedhe.
13Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse. 14Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee#22:14 Yir'ee: Afaan Ibrootaatiin Waaqi hin qopheessa jechu'u.» jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan.
15Ergamaan Mootii Waan Maraa ol-gubbaa irraa yennaa lammeesso'oo Abrahaam waamee, 16«Mootiin Waan Maraa, ‹Ati kana waan gooteef, ilma keeti tokkochuma sanille naaf waan hin mararfatiniif, ani maqaa kiyyaan kakadheera; 17ani dhugumaan si hin eebbisa; sanyii teeti akka urjoota ol-gubba'aatii fi akka maansa abbaaya'aa hin baceessa. Isaan qachoota diinota ifii hin qabatan. 18Ati waan naaf ajajanteef, sanyii teetiin gosi biyya adda addaa marti hin eebbifaman› jedheera» jedhe.
19Achiin duuba Abrahaam gara tajaajiltoota dargaggeeyyii ifii ta dhiiraa deebi'ee, isaan woliin ka'ee gara qachaa Bersheeba'aa deebi'anee achi le'e.
Sanyii Naahorii
20Wonni kun teeteen duuba, Abrahaam obboleessa isaa Naahoriif, Miilkaan ijoollee akka deette dhage'e; isaanille 21angafichi Uz, obboleessi isaa Buus, Qamu'elii abbaa Aaramii, 22Kesed, Hazoo, Fiildaashi, Yiidlaafii fi Butu'el. 23Butu'el Ribqaa uumate; isaan kana saddeeti, Miilkaan Naahorii obboleessa Abrahaamiitiif deette. 24Gursumeettiin ta «Ri'umaan» jedhantulle Xebaa, Gaaham, Tahashii fi Ma'akaa Naahoriif deette.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 22: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: