Kitaaba Seera Dadaa 23
23
Du'aa Saara'aa
1Saaraan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba leete. 2Isiin kiriiyat-Arbaa ta «Hebroon» jedhantu, lafa Kana'aanii keessatti duute; Abrahaam isi'iif guddoo gaddee bowe.
3Abrahaam reeffa biraa ka'ee, worra Heetotaatiin, 4«Ani orma alagaa odduu teessan le'iisatti jiru; reeffa niitii tiyyaa akka itti awwaaladhu, addee awwaalaa naaf gurgura'a» jedhe.
5Isaan deebisanee, Abrahaamiin, 6«Gootta'a, me nu dhage'i; ati nu oddu'utti sooressa gudda'a. Reeffa niitii teetii addee awwaalaa ta nuuti qannu keessaa ta caaltutti awwaaladhu. Nu keessaa nami tokkooyyuu lafa reeffa niitii teetii itti awwaalatu, ka si dhooggu hin jiru» jedhane.
7Achiin duuba Abrahaam lafaa ka'ee, kolbaa biyya sanii, worra Heetotaatiif gad jedhee, 8isaaniin, «Ani reeffa niitii tiyyaa akka awwaaladhuuf fedhii teessan eega teete, Efron ilma Zohaarii 9lafa isaa irraa goda Makfela'aa ta irga fichaa isaa akka naa gurguru gaafadha'a. Inni gatii guutu'uun lafa awwaalaa, addee isin jirtanutti naa gurguruu ti» jedhe.
10Efroninuu addee wolgeyi'ii karra qacha'aa bira worra Heetotaa dhibii woliin tee'eeraayyu. Efroniin nama biyya Heetii kunille, Heetoti, worri achi jiranu marti adoo dhage'anuu, Abrahaamiin, 11«Waawwo'o, goottaa kiyya, na dhage'i. Ani ficha'aa fi goda fichaa keessaalle kolbaan tiyya duratti si'iif kenna. Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe.
12Abrahaam ammoo kolbaa lafa sanii duratti gad jedhee, 13isaan marti adoo dhage'anuu, Efroniin, «Yoo fedhii teeti teetee, na dhageette, ani gatii ficha'aa hin kenna, anarraa fudhadhu; anille reeffa niitii tiyyaa achitti awwaaladha» jedhe.
14Efron deebisee, Abrahaamiin, 15«Goottaa kiyya, na dhage'i; cittuun lafaa ta meetii dhibba afurii baattu si'ii fi ana oddu'utti maan isiin? Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe. 16Abrahaamille dubbii Efronii fudhatee, haguma Efron adoo worri Heetota dhage'uu dubbate san, meetii dhibba afurii akkuma madaallii daldaltootaatitti madaalee kenneef.
17Akka kanaan latti Efronii ta Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, fichaan sun goda isa keessa jirtuu fi mukoota irra jiranu mara woliin dabarfamee 18addee worri Heetotaa duudiin karra qachaa sanii keessatti wolitti qabamane duratti qabeenna Abrahaamiif te'e. 19Achiin duuba, Abrahaam reeffa niitii ifii Saara'aa goda fichaa Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, lafa Kana'aanii Hebroon keessatti awwaale. 20Maarre ficha'aa fi godi fichaa keessa jirtu, ta worra Heetotaa, lafa awwaalaa, qabeenna Abrahaamii teete.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 23: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: