YouVersion Logo
Search Icon

Kitaaba Seera Dadaa 6

6
Hammeenna Hamootaa
1Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane. 2Worri «Ilmaan Waaqaa#6:2 Ilmaan Waaqaa: Worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamane kun dada ol-gubba'aa yookiin sanyii Seetii yookiin bara san moototi ifiin, «Ilmaan Waaqaa» waan jedhanuuf, mootota gugurdoo te'uu dande'an.» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane. 3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du'anu waan te'aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le'u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le'an» jedhe.
4Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin#6:4 Bineeyyiin: Afaan Ibrootaatiin Nefiliim jedha. jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane.
5Mootiin Waan Maraa hammeenni namaa lafa irratti attam akka bacate, yaadi isaanii yennaa mara marroo hammeennaa akka te'e dhagge. 6Mootiin Waan Maraa lafa irratti nama daduu isaatitti gaddee, guddoo gaabbe. 7Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isaan daduu kiyyatti waan gaddeef, namoota, horii, bineensota, waan lafa irra munyuuquu fi sinbirroota lafa irraa haxowee hin balleessa» jedhe. 8Nohi ammoo Mootii Waan Maraa duratti fudhatama dhaggate.
Nohi
9Nohi dhaloota san keessatti nama balchaa, ka komii hin qannee fi ka Waaqa woliin ideeme. 10Ilmaan Nohi uumate sadiin Sheem, Kaamii fi Yaafet.
11Yennaa san kolbaan lafa irraa duudiin Waaqa duratti hamoolee teete; lattille hunnaan wolitti ka'iisaan guutante. 12Waaqi biyya lafaa ilaalee, kolbaan marti hammeennaan akka le'iisatti jirtu dhagge.
13Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka'iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera. 14Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi'iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe'een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi! 15Dheerinna isi'ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi'ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi. 16Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu'utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi'ii jala, jiddu'uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi! 17Ani kunoo, gubba'aan jalatti waan lubbuu qabu mara lafa irraa balleessiisaaf, bisaan badi'ii hin fida; wonni lafa irratti lubbuu qabu marti hin bada. 18Ani ammoo si woliin gondooroo hin gondooradha; atii fi niitiin teeti, ilmaan teetii fi niitoleen ilmaan teetii gara hoboloo gudditti'ii seena'a. 19Waan lubbuu qabu maralle, si woliin jiru'uun akka jiraatanu, gosuma gosa keessaa, lama lama tolchii, kormaa fi dhalaa gara hoboloo guddittii sanii seensisi. 20Sinbirroota akkuma gosa gosa isaaniitiin, horii akkuma gosa gosa isaaniitiin, wonni lafa irra lowu akkuma gosa gosa isaaniitiin, gosi martinuu lama lama te'anee, jiru'uun jiraatiisaaf gara keeti dhufanuu ti. 21Ammalle sagalee adda addaa ta atii fi wonni lubbuu qabanu kun marti nyaattanu hoboloo guddittii keessatti tuuli» jedhe. 22Nohi akkuma Waaqi isa ajajetti kana mara huje.

Currently Selected:

Kitaaba Seera Dadaa 6: guj

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in