Kitaaba Seera Dadaa 7
7
Bisaan Badi'ii
1Mootiin Waan Maraa Nohiin, «Dhaloota kana keessaa ati callaan balchaa akka teete waan dhaggeef, atii fi maatiin teeti gara hoboloo guddittii tanaa seena'a. 2Hori'ii fi bineensa qulqulluu te'ane mara keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba, ka qulqulluu hin te'in mara keessalle'ee korma tokko tokkoo fi dhalaa tokko tokko fuudhiitii gara hoboloo gudditti'ii galchi. 3Sinbirrootalle gosuma gosa isaanii keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba lafa irratti gosi isaanii akka jiru'uun jiraatanu hobolo'otti galchi. 4Ani guyyaa torbaan duuba guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkeenni akka roobu godha; dada lubbuu qabu ka ani dade mara lafa irraa haxowee balleessa!» jedhe. 5Nohille kana mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.
6Yennaa bisaan badi'ii lafatti dhufe san, Nohi nama woggaa dhibba jaa ti. 7Bisaan badi'ii jalaa bayiisaaf Nohii fi niitiin isaa, ilmaan isaatii fi niitoleen isaanii gara hoboloo gudditti'ii seenane. 8Hori'ii fi bineensi qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in, sinbirrootille, wonni lafa irra lowulle martinuu, 9lama lama, kormaa fi dhalaan, akka Waaqi ajajetti, gara Nohii dhufanee woliin hoboloo guddittii san seenane. 10Guyyaa torbaan duuba bisaan badi'ii dhufe.
11Kunille bara jiruu Nohii woggaa dhibba jayeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa kudhanii torbeesso'oo te'e; gaafas burqituun golba qile'ee gugurdoon dho'anee, foddaan gubba'aa banante. 12Bokkeenni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bu'e. 13Guyyuma jedhame san Nohi, niitiin Nohii, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetille, niitoleen ilmaan isaa sadiinuu, isa woliin hoboloo guddittii san seenane. 14Bineensoti gosa adda addaa, horiin gosa adda addaa marti, wonni lafa irra lowanu marti, sinbirrooti gosa adda addaa marti, dadi koolaan ka'anu marti, 15dadi hafuura jiru'uu ifi keessaa qaddu marti lama lama te'anee Nohi woliin gara hoboloo guddittii sanii seenane. 16Worri seenanelle, akkuma Waaqi isa ajajetti, kormaa fi dhalaa dada maraatiiyyu; achiin duuba Waaqi balbala hobolo'oo itti cufe.
17Bisaan badi'ii guyyaa afurtama lafa irratti roobuma roobee, lafa irra guutee, hoboloon lafa irraa ol kaate. 18Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, hoboloon guddittiin sun bisaan irra deente. 19Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, gaarota ol dhedheeraa gubba'aan jala jiranu mara dhosse. 20Bisaan qaccee gaara irraayyuu gara meetira torbaa dabaree dhosse. 21Wonni lubbuu qabaa, dadi lafa irra munyuuqanu martinuu, sinbirrooti, horiin, bineensi, nami martinuu du'ane. 22Wonni lafa irra le'u ka hafuura baafatu marti du'e. 23Waaqi waan dadamee lafa irra le'u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe. 24Bisaan guyyaa dhibbaa fi shantama gad hin dhidhanne.
Currently Selected:
Kitaaba Seera Dadaa 7: guj
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

: