Luka 21
21
1Yesoni olmillate jennaani dureeyi ta hori Waaqa baaftu arge, 2ammalle niiti hiyyeeti d'iirsa inqamne toko ta dururu lama achi keesa buuftu arge. 3Inni waan jed'e, D'uguma waan anini isaaniini jed'u, Niitiini hiyyeetiini tuni nama ch'ufa ira wo baafte. 4Wonti akanatiifi jari kaani ch'ufti hori ufi gudda keesaa baase; ammo isiini hiyyuma ufi keesa hori qabdu ch'ufa baafte.
Yesoni muumme Mana Waaqa hima
(Matayo 24.1-2; Mariko 13.1-2)
5Ato nami gari waan Mana Waaqa hasau, aka d'akhaye dansaafi waan Waaqaa baasaniini bareesani, Yesoni waan jed'eeni, 6Waan kana ka isani argitani, guyyaani d'akhaani tokoleeni woli irati inhamne ind'ufa; ch'ufa gargari jissani.
Yesoni gaargala d'ufu hima
(Matayo 24.3-14; Mariko 13.3-13)
7Worri isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo, wonti kuni yoomi taati? Akheekha kamiti mullata hojja wonti kuni d'iaattu?
8Inni waan jed'eeni, Eegad'a, aka isani insobamne. Wonti akanatiifi hedduti maqa kiyyaani d'ufe waan jed'u, Anini isa, ammalle, Hojjaani, ya d'iaatte. Worra akana kana gula indeemina. 9Lolafi had'iisa, yo d'ageetani, insodaatiina; wonti kuni qara d'ufu malte, ammo muummeeni diqo ingeenne. 10Jennaani inni waan worraani jed'e, Gochiti gosaani wolhaati, lafti lafaani wolhaati; 11lafti guddo chochoti, fulla heddu beelafi d'ukubati d'ufa; waan nama mudamsisatifi akheekha guddati gubba mullata.
12Ammo waan kana ch'ufa durati isani qabani gaargalchani, maneeni Waaqa iti kad'atani duraani isani d'ufani, mana hid'aansa keesa isani buusani; maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba dura isani geesani. 13Yoi kuni yo isani Odu Dansa odeesitani. 14#Luk 12.11-12 Tanaafi garaa kutad'a, aka durati waan deebiftani ind'ind'insine; 15anati afaanifi qalbi isanii kenna, ta nyaapi keesani tokoleeni dandae morkeeni intufanne. 16Abbaafi haad'afi oboleyaanifi gosafi jaalaani teesanileeni isani gurguratti; nama gari isani keesa inijeesani. 17Nami ch'ufti isani jibba, maro tiyyaafi. 18Ammo rifeensi mata keesani tokoleeni imbadu. 19Obsa akasi ch'allaani lubbu teesani baaftani.
Yesoni badii Yerusalemu hima
(Matayo 24.15-21; Mariko 13.14-19)
20Ammo hojja duula Yerusalemu marsu argitani, aka badiini isii d'iaate beekha. 21Hojja suni nami lafa Yahudi keesa jiru ha gareeniti baqatuti; nami dira keesa jiruleeni ha keesaa bahu; nami ala jiruleeni dira inseeniini. 22#Hos 9.7 Wonti akanatiifi kunini guyya haalo baafatani, ka waan t'aafani ch'ufa guutani. 23Gaargala nad'eeni gaafasi garaacha qabdu, yokhaani ta hoosiftu. Gaargali guddaani lafa tana d'ufe dalansuuni Waaqa gosa tana balleesiti. 24Worra gari sheeftini fit'ani, ka hafele boojiani lafa d'ibi geesani. Gochiti d'ibiini d'ufte Yerusalemu ira ejaanjatti haga guyyaani isii hobauti.
Waan guyya muumme
(Matayo 24.29-31; Mariko 13.24-27)
25 #
Isa 13.10; Eze 32.7; Yoe 2.31; Mul 6.12-13 Akheekhati mullata adufi jiafi urji keesa. Lafa keesaleti gochiti ch'ufti ufi jibbaatti, maro gohannaafi d'awa galaana sodaataniifi waan tahani wollaalaani. 26Nami naasuuni gagaba, yo waan lafati d'ufu heregu; wonti akanatiifi wonti gubba jira ch'ufti kara ufi iraa gorti. 27#Dan 7.13; Mul 1.7Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani. 28Hojja wonti kuni qara taatu, mata olfud'ad'a, olmillad'a, baafami keesani ya d'iaate.
Mammaasa oda
(Matayo 24.32-35; Mariko 13.28-31)
29Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime waan jed'e, Odafi mukha ch'ufa ilaala. 30Hojja baala baase, imbeetani aka ch'aamsaani d'iaate. 31Akasuma, hojja waan kana ka tahu argitani, aka Finni Waaqa d'iaate beetani.
32D'uguma waan anini isaniini jed'u, D'aloota kuni indabru, haga wonti kuni ch'ufti guutamtuuti. 33Gubbafi lafti indabarti, ammo dubbini tiyya indabartu.
Yesoni, Kurfo eega jed'a
34Ammo eegad'a, aka garaani keesani waan quuftaniifi waan, machitiifi d'ipu lafa tana inqulqulle, aka guyyaani suni aka t'urura tassa isani ira imbuune. 35Wonti akanatiifi guyyaani suni nama ch'ufati d'ufa ka lafa ch'ufa keesa tau. 36Hojja ch'ufa eegad'a, kad'ad'a, aka waan d'ufa kana ch'ufa jalaa baatani, Ilma Nama dura ejaanjattani.
37 #
Luk 19.47
Guyya ch'ufa Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiise, ammalle lafti halkani geennaani inni d'aqe Gaara Ejersa jed'ani gubbaa bule. 38Ganama nami ch'ufti kae Mana Waaqa d'aqe aka isa ch'aqasu.
Mariacha ijeecha Yeso
(Matayo 26.1-5; Mariko 14.1-2; Yohana 11.45-53)
S'ha seleccionat:
Luka 21: BOR
Subratllat
Comparteix
Copia
Vols que els teus subratllats es desin a tots els teus dispositius? Registra't o inicia sessió
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.