Yohannis 9

9
Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa
1Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. 2Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan.
3Yesuusis akkana jedhee deebise; “Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti. 4Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa. 5Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”
6Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. 7Innis namicha sanaan, “Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu” jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
8Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, “Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?” jedhan. 9Namoonni tokko tokko, “Eeyyee, isa” jedhan.
Kaan immoo, “Miti, isa fakkaata malee” jedhan.
Inni garuu, “Namichi sun anuma” jedhe.
10Jarris, “Iji kee akkamitti baname ree?” jedhaniin.
11Innis deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe.”
12Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan.
Inni immoo, “Ani hin beeku” jedheen.
Fariisonni Waaʼee Fayyuu Namichaa Qorachuu Isaanii
13Isaanis namicha jaamaa ture sana Fariisotatti geessan. 14Guyyaan itti Yesuus dhoqqee tolchee ija namichaa bane Sanbata ture. 15Fariisonnis namichi akkamitti akka arguu dandaʼe isa gaafatan; namichis, “Inni dhoqqee tolchee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges” jedheen.
16Fariisota keessaas tokko tokko, “Namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Waaqa biraa hin dhufne” jedhan.
Warri kaan garuu, “Cubbamaan tokko akkamitti dinqii akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. Garaa garummaanis isaan gidduutti uumame.
17Isaanis amma illee namicha jaamaa ture sanaan, “Waaʼee namicha ija kee siif bane sanaa maal jetta?” jedhan.
Namichis deebisee, “Inni raajii dha” jedhe.
18Yihuudoonnis hamma abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate amma illee hin amanne. 19Isaanis, “Inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa taʼee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
20Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; “Akka inni ilma keenya taʼee fi akka inni jaamaa taʼee dhalate ni beekna. 21Garuu amma akkamitti akka arguu dandaʼe yookaan ija isaa eenyu akka baneef nu hin beeknu. Inni nama gaʼaa dha; waaʼee mataa isaa dubbachuu ni dandaʼa; isuma gaafadhaa.” 22Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudoota sodaataniif waan kana jedhan; namni kam iyyuu yoo Yesuus inni Kiristoos#9:22 yookaan Masiihicha jedhee dhugaa baʼe akka mana sagadaa keessaa ariʼamu Yihuudoonni kanaan dura walii galanii murteessanii turaniitii. 23Kanaafuu abbaa fi haati isaa, “Inni nama gaʼaa dha; isuma gaafadhaa” jedhan.
24Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii, “Waaqaaf ulfina kenni. Namichi kun cubbamaa taʼuu isaa nu ni beekna” jedhaniin.
25Innis, “Cubbamaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku. Ani waan tokkon beeka. Ani jaamaan ture; amma garuu nan arga!” jedhee deebise.
26Isaanis, “Inni maal siif godhe? Ija kees akkamitti siif bane?” jedhanii isa gaafatan.
27Inni immoo, “Ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye. Ammas maaliif dhagaʼuu barbaaddu? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaadduu?” jedheen.
28Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; “Barataan namicha kanaa siʼi! Nu barattoota Musee ti! 29Akka Waaqni Museetti dubbate nu beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe iyyuu hin beeknu.”
30Namichis deebisee akkana jedhe; “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; garuu inni ija koo naa bane. 31Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa. 32Eenyu iyyuu ija nama jaamaa taʼee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee hin dhagaʼamne. 33Namichi kun utuu Waaqa biraa taʼuu baatee silaa homaa gochuu hin dandaʼu ture.”
34Isaanis deebisanii, “Ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, situ nu barsiisaa?” jedhaniin. Alattis gad isa baasan.
Jaamummaa Hafuuraa
35Yesuusis akka isaan gad isa baasan dhagaʼe; yommuu isa argettis, “Ati Ilma Namaatti ni amantaa?” jedheen.
36Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe.
37Yesuusis, “Ati amma isa argiteerta; inni si wajjin haasaʼaa jiru isuma” jedheen.
38Namichi sunis, “Yaa Gooftaa, ani nan amana” jedhe; ni sagadeefis.
39Yesuus immoo, “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera” jedhe.
40Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan.
41Yesuusis, “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata” jedheen.

S'ha seleccionat:

Yohannis 9: HAH

Subratllat

Comparteix

Copia

None

Vols que els teus subratllats es desin a tots els teus dispositius? Registra't o inicia sessió