Luqaas 22

22
Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuu Isaa
22:1,2 kwf – Mat 26:2‑5; Mar 14:1,2,10,11
1Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture; 2luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan. 3Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. 4Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate. 5Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan. 6Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
Irbaata Gooftaa
22:7‑13 kwf – Mat 26:17‑19; Mar 14:12‑16
22:17‑20 kwf – Mat 26:26‑29; Mar 14:22‑25; 1Qr 11:23‑25
22:21‑23 kwf – Mat 26:21‑24; Mar 14:18‑21; Yoh 13:21‑30
22:25‑27 kwf – Mat 20:25‑28; Mar 10:42‑45
22:33,34 kwf – Mat 26:33‑35; Mar 14:29‑31; Yoh 13:37,38
7Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture. 8Yesuusis, “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa” jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.
9Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
10Inni immoo deebisee akkana jedhe; “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii, 11abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa. 12Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”
13Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
14Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan. 15Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture. 16Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”
17Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa. 18Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.
19Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.
20Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha. 21Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira. 22Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!” 23Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.
24Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe. 25Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu. 26Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu. 27Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti. 28Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha. 29Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna; 30kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
31 “Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera. 32Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
33Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
34Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
35Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan.
36Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa. 37Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’#22:37 Isa 53:12 jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”
38Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan.
Innis, “Ni gaʼa” jedhee deebiseef.
Yesuus Tulluu Ejersaa Irratti kadhachuu Isaa
22:40‑46 kwf – Mat 26:36‑46; Mar 14:32‑42
39Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan. 40Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe. 41Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate; 42“Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.” 43Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse. 44Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.
45Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge. 46Innis, “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa” isaaniin jedhe.
Yesuus Qabamuu Isaa
22:47‑53 kwf – Mat 26:47‑56; Mar 14:43‑50; Yoh 18:3‑11
47Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate; 48Yesuus garuu, “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedhee gaafate.
49Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan. 50Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.
51Yesuusis deebisee, “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa” jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.
52Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii? 53Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”
Phexros Yesuusin Ganuu Isaa
22:55‑62 kwf – Mat 26:69‑75; Mar 14:66‑72; Yoh 18:16‑18,25‑27
54Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture. 55Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe. 56Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette.
57Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
58Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe.
Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise.
59Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate.
60Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye. 61Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadate. 62Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.
Eegdonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii
22:63‑65 kwf – Mat 26:67,68; Mar 14:65; Yoh 18:22,23
63Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban. 64Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan. 65Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.
Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti Dhiʼaachuu Isaa
22:67‑71 kwf – Mat 26:63‑66; Mar 14:61‑63; Yoh 18:19‑21
23:2,3 kwf – Mat 27:11‑14; Mar 15:2‑5; Yoh 18:29‑37
23:18‑25 kwf – Mat 27:15‑26; Mar 15:6‑15; Yoh 18:39–19:16
66Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii, 67“Ati yoo Kiristoos#22:67 yookaan Masiihicha taate mee nutti himi” jedhaniin.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan; 68yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan. 69Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”
70Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan.
Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.
71Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.

S'ha seleccionat:

Luqaas 22: HAH

Subratllat

Comparteix

Copia

None

Vols que els teus subratllats es desin a tots els teus dispositius? Registra't o inicia sessió