1
Kitaaba Seera Dadaa 3:6
KITAABA WOYYICHA
Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.
مقایسه
Kitaaba Seera Dadaa 3:6 را جستجو کنید
2
Kitaaba Seera Dadaa 3:1
Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
Kitaaba Seera Dadaa 3:1 را جستجو کنید
3
Kitaaba Seera Dadaa 3:15
Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti diinummaa hin buusa. Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
Kitaaba Seera Dadaa 3:15 را جستجو کنید
4
Kitaaba Seera Dadaa 3:16
Namittiille'een, «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
Kitaaba Seera Dadaa 3:16 را جستجو کنید
5
Kitaaba Seera Dadaa 3:19
Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. Biyyee irraa waan dadanteef, gara isi'ii haga deebitutti, danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
Kitaaba Seera Dadaa 3:19 را جستجو کنید
6
Kitaaba Seera Dadaa 3:17
Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
Kitaaba Seera Dadaa 3:17 را جستجو کنید
7
Kitaaba Seera Dadaa 3:11
Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
Kitaaba Seera Dadaa 3:11 را جستجو کنید
8
Kitaaba Seera Dadaa 3:24
Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.
Kitaaba Seera Dadaa 3:24 را جستجو کنید
9
Kitaaba Seera Dadaa 3:20
Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan» jedhee baase
Kitaaba Seera Dadaa 3:20 را جستجو کنید
خانه
كتاب مقدس
برنامههای مطالعه
ویدیوها