Wongeela Yohaannis Seensa

Seensa
Wongeelli Yohaannisii Yesusiin ka dhiyeessuun, foon uffatee namoota jiddu'utti ka argame jiraataa dubbii Waaqaa ta'uu isaa muldhisu'uuf, kitaabnni mataa isaatuu akka ibisuunitti wongeelli kun ka barreeffame, dubbiffattoonni Yesus fayyisaa ta'ee ni dhufa ka jedhame, Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amananii fi sababa isaaniitiin'llee, jireenna bara baraa akka qabaatan akka hubataniif. (20:31).
Kutaan wongeelaa ka jalqabaa dubbiin Waaqaa ka bara baraatii fi Yesus tokko ta'uu isaanii bifa seensaatiin eega dhiyeesseen duubatti, Yesus fayyisaa ta'ee ni dhufa ka jedhame Ilma Waaqaa ta'uu isaa, ka muldhisan maalalee adda addaa ni dhiyeessa, achii'llee maalaleewwan kanniiniin irraa bu'aan maali'ii akka argame, seenaawwan hubachiisan itti ni aanan, kutaan kun ka seenessu namoonni tokko tokko Yesusitti amananii, horddofttoota isaa waayee ta'uu isaanii, kuunniin ammoo attamitti akka isa mormmaaniinii fi isatti'llee hin amannu akka jedhan, boqonnaa 13—17 galgala Yesus itti qabametti, barattoota isaa woliin wolitti dhufeenna hagam jabaate akka qabuu fi jala bulttii fannifama isaa titti'llee, dubbii qophaayinnaatii fi jajabeennaa akka isaan dhageesise ni dubbatan. Boqonnaawwan muumme'ee titti'llee waayee qabamuu Yesusiitii fi murti'iif dhiyaachuu isaa, waayee fannifamaa fi du'aa ka'iinssa isaa, akkuma kanaan'llee du'aa ka'iinssa isaatiin duubatti'llee, barattoota isaa titti waayee muldhachuu isaa kan ka dubbatan.
Yohaannis jireenna bara baraa ka karaa Yesus Kristositiin argamu ol guddisee ka muldhisu, kennaan bilisaa kun ammaa jalaqabee Yesusiin akka kara'aa, akka dhuga'aa, akka jireennaa'llee taasisanii worra isa fudhataniif. Wongeela Yohaannisii ka adda isa taasisu dhugaawwan hafuuraa hubachiisu'uuf ka baratamanii fi jireenna guyyaa guyya'aa titti'llee isaan ittiin fayyadaminnu, jechu'uun waan akka bishaan, buddeenaa, ifa, tissee, hoolotaa, waan akka biqilttuu woyiinni'iitii fi firii woyinni'ii wonittoota fafakkaatan, fakkeenna adda addaatiin fayyadamuu isaati.
Woliigala Qabiyyee Kitaabchaa
Seensa 1:1-18
Yohaannisii cuupha'aa fi barattoota Yesusii ka jalqabaa 1:19-51
Yesus tajaajila isaa jalaqabuu isaa 2:1—12:50
Yerusaalemii fi naannoo isi'ii titti guyyoota tajaajilaa ka muumme'ee 13:1—19:42
Du'aa ka'iinssa Goofta'aatii fi muldhachuu Isaa 20:1-31
Woliigala Galiila'atti deebi'ee barattoota isaa titti muldhachuu isaa 21:1-25

Pati Souliye

Pataje

Kopye

None

Ou vle gen souliye ou yo sere sou tout aparèy ou yo? Enskri oswa konekte