Kitaaba Seera Dadaa 3

3
Ajajamiisa Dhabuu Namaa
1Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
2Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna; 3ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette.
4Bofi deebisee, «Hin duutanu. 5Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen.
6Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate. 7Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.
8Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane. 9Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen.
10Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen.
11Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
12Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe.
13Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe.
Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette.
Muraa Waaqi Kenne
14Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan,
«Kana waan gooteef,
ati horii maraa fi
bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta.
Gadhaa keetiin lafa irra hin loota;
bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta.
15Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti,
sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti
diinummaa hin buusa.
Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha;
atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
16Namittiille'een,
«Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa;
ciniinsu'uun ijoollee hin deetta.
Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta;
inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
17Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef,
«Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti;
atille bara jiruu teetii mara
eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
18Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi;
atille biqiltuu badda'aa nyaatta.
19Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta.
Biyyee irraa waan dadanteef,
gara isi'ii haga deebitutti,
danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
20Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan#3:20 Heewwan: Afaan Ibrootaatiin Jiraattuu jechu'u.» jedhee baase; 21Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise.
22Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe. 23Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe. 24Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.

Jelenleg kiválasztva:

Kitaaba Seera Dadaa 3: guj

Kiemelés

Megosztás

Másolás

None

Szeretnéd, hogy a kiemeléseid minden eszközödön megjelenjenek? Regisztrálj vagy jelentkezz be