1
Kitaaba Seera Dadaa 3:6
KITAABA WOYYICHA
Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.
Összehasonlít
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:6
2
Kitaaba Seera Dadaa 3:1
Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:1
3
Kitaaba Seera Dadaa 3:15
Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti diinummaa hin buusa. Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:15
4
Kitaaba Seera Dadaa 3:16
Namittiille'een, «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:16
5
Kitaaba Seera Dadaa 3:19
Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. Biyyee irraa waan dadanteef, gara isi'ii haga deebitutti, danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:19
6
Kitaaba Seera Dadaa 3:17
Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:17
7
Kitaaba Seera Dadaa 3:11
Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:11
8
Kitaaba Seera Dadaa 3:24
Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:24
9
Kitaaba Seera Dadaa 3:20
Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan» jedhee baase
Fedezd fel: Kitaaba Seera Dadaa 3:20
Kezdőoldal
Biblia
Olvasótervek
Videók