Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 15
15
Seera Rabbiitii Fi Aadaa Maanguddootaa
(Mar. 7:1-13)
1Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yeruusaaleemii gara Yesuusii dhiyaatanii, 2#Luq. 11:38 «Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin. 3Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii, maaf seera Rabbii kabajjuu diddan? 4#Seera Bawu'uu 20:12; Seera Keessa deebi'ii 5:16 Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookiin haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa qaba!› jedhee seere. 5Isin ammoo, ‹Namni tokko abba'aan yookiin haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen, 6inni abbaa fi [haadha ufii] kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii, seera Rabbii diiddan. 7#Isaayyaasii Raatticha 29:13 Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,
8‹Baniin kun afaaniin na kabajja,
garaan isaanii ammoo narraa guddaa ka fagaate;
9Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammoo,
duwwama na kaddaamani› ka jedhe dhuga'a» jedhe.
Waan Nama Batteessu
(Mar. 7:14-23)
10Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e: 11#12:34; Hu. Er. 10:14-15; Xim. 1ffaa 4:4 Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee, waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe. 12Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin. 13#Yoh. 15:2; Hu. Er. 5:38 Yesuus ammoo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a. 14#23:16; Luq. 6:39; Rom. 2:19 Waan isaanii dhiisaa'a; isaan ballaa ballaa masakku. Ballaan ballaa yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe. 15Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen. 16Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee? 17Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gadi lufee, nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii? 18#12:34 Wonti afaan keessaa bayu ammoo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa. 19#Seera Uumamaa 6:5; 8:21; Gal. 5:19-21; Qor. 1ffaa 6:9-10 Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya. 20Wonti nama batteessu waan kana malee, harka uduu hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen.
Amantii Dubartii Biyya Kana'aanii
(Mar. 7:24-30)
21Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme. 22Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii, Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf, naa fayyisi» jedha'aa iyyite. 23Inni ammoo womaa isi'iif hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin iyya'aa waan nu duukaa deema'aartuuf, isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan.
24 #
10:6
Yesuus deebisee, «Ani banii Isiraa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.
25Isiin ammoo dhufteeti isa afo'otti jilbiinfattee, «Gooftaa'a, na gargaar» jettee sagaddeef. 26Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sare'ee darbuun hin ta'u» jedhe.
27Isiin deebitee, «Ee, Gooftaa kiyya, sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
28 #
8:10, 13 Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantaan kankee gudda'a! Akkuma hawwii keetii siif haata'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite. 29#5:1; Mar. 7:31 Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee, gaararra bayee achi taa'e. 30Gumiin hedduu naaftota, balloota, worra duudotaa fi ka biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise. 31#Mar. 7:37 Kanaafuu duudonni hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, balloonni hennaa argan maalalfataniiti Waaqa Israa'eliillee galateeffatan. 32#9:36; 14:14 Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu ani isaaniif gadda. Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gadhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe. 33Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin. 34Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin. 35Yesuus gumiin marga irra akka taa'an ajaje. 36Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galateeffatee, cabsee darasootatti kenne. Darasoonnillee gumi'ii kennan. 37Isaan martinuu nyaatanii qufaniiti, hambaa hafe Gindoo torba guutuu kaasan. 38Laakkofsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakayamne dhiirti callaan kuma afur. 39Yesuus gumii haga geegesseen maayessa, yabala keessa seenee gara biyya Maqidooniya'aa dhufe.
Селектирано:
Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 15: WLNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

: