Wongeela Luqaasii 15
15
Mammaassa Hoolee Baddee
(Mat 18:12-14)
1Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane. 2Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, “Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata” jedhanee itti gungumane. #Luq 5:29-30 3Tanaaf Yesuus itti mammaakee, 4“Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? 5Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, 6gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‘Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!’ hin jedha. 7Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachine caalaa, cuubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a” jedhe.
Mammaassa Maallaqa Badee
8Yesuus itti aansee, “Dubartiin saantii maallaqaa kudhan#15:8 saantii maallaqaa kudhan: saantiin maallaqaa yookiin meetti'ii takkaan, hojjataa tokkoof mindaa guyyaa tokoo ti qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii? 9Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‘Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!’ isaaniin hin jetti. 10Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan” jedhe.
Mammaassa Ilma Badee
11Yesuus itti aansee, “Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. 12Maandhichi abba'aan ‘Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu anaaf kenni!’ jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. 13Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhichi karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'isaan karra ifii mara bittaneesse. 14Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. 15Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. 16Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
17Duuba gara yaada ifii deebi'ee, ‘Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara. 18Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan, Ani Waaqaa fi si yakkeera; 19haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu’ jedhaan” jedhe.
20Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
21Ilmi isaa ammoo, ‘Abbaa kiyya, ani Waaqaa#15:21 Waaqa: hiikkaan gariin ol-gubbaa jedha fi si yakkeera. Haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle’ jedheen.
22Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‘Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a! 23Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna. 24Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera’ jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
25“Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e. 26Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, “Maanti maan te'e?” jedhee gaafate. 27Tajaajilaan deebisee, ‘Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise’ jedheen. 28Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. 29Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‘Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa anaaf kennitee hin beettu! 30Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!’ jedhe. 31Abbaan deebisee, ‘Ilma kiyya, ati yennaa mara ana woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. 32Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qana’ jedheen” jedhe.
Селектирано:
Wongeela Luqaasii 15: GAXNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: