Wongeela Luqaasii 18
18
Mammaassa Haadha Hiyyeessaatii Fi Abbaa Mura'aa
1Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhane barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: 2“Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessinne tokko qachaa tokko keessa jira. 3Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‘Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa anaaf muri’ jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. 4Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‘Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, 5haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa ana hin hifachiinne isi'iif hin mura’ jedhee ifiin dubbate” jedhe. 6Goottaan, “Waan abbaan mura'aa jallaammessi sun jedhe dhage'aa! 7Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan gargarsaaf hin hancaaraa? 8Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?” jedhe.
Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
9Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: 10“Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Farisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. 11Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‘Waaqayyo, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaammeessa, gaarayyeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha. 12Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna’ jedhee daadimate. 13Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‘Waaqayyo, ana cubbicha marari!’ jedhe. 14Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata” jedhe.
Yesuus Daa'immaan Eebbise
15Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane. 16Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, “Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a. 17Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu” jedhe.
Namicha Dureessa Tokko
(Mat 19:16-30; Mar 10:17-31)
18Bulchaan Yihudootaa tokko, “Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?” jedhee Yesuus gaafate. 19Yesuus deebisee, “Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. 20Ati ajaja, ‘Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teeti ulfeessi!’ jedhu hin beetta” jedhe.
21Namichi deebisee, “Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera” jedhe. 22Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, “Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba kooyiitii na hordof!” jedhe. 23Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde. 24Yesuus akka namichi gadde dhaggee, “Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam atam rakkisa'a! 25Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa liimoo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o” jedhe.
26Worri kana dhage'e, “Yoona eentu fayyuu dande'a ree?” jedhee gaafate. 27Yesuus deebisee, “Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti” jedhe.
28Achiin duuba Pheexroos, “Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra” jedhe.
29Yesuus deebisee, “Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin hadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkisse, 30bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata” isaaniin jedhe.
Yesuus Marroo Du'a Ifii Sadeessoo Dubbate
(Mat 20:17-19; Mar 10:32-34)
31Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, “Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti. 32Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan. 33Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe.
34Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise
(Mat 20:29-34; Mar 10:46-52)
35Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. 36Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'isatti jiru gaafate. 37Isaan, “Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira” jedhane itti himane. 38Maarre inni, “Yesuus, Ilma Daawwitii na marari!” jedhee iyye. 39Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, “Ilma Daawwitii, na marari!” jedhee iyye.
40Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, 41Yesuus “Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate.
Inni deebisee, “Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada” jedhe.
42Yesuus deebisee, “Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedheen. 43Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.
Селектирано:
Wongeela Luqaasii 18: GAXNT
Нагласи
Сподели
Копирај
Дали сакаш да ги зачуваш Нагласувањата на сите твои уреди? Пријави се или најави се
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: