Лого на YouVersion
Икона за пребарување

Wongeela Luqaasii 20:46-47

Wongeela Luqaasii 20:46-47 GAXNT

“Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaallatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a! Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama” jedhe.