Wongeela Maatewoosii 10
10
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lama Filate
(Mar 3:13-19; Luq 6:12-16)
1Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne. 2Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka “Pheexroos” jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obbolessa isaa Yohaannis; 3Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos; 4Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne.
Hujii Ergantoota Kudhanii Lamaa
(Mar 6:7-13; Luq 9:1-6)
5Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeefama asii gad jirulle itti kennee, “Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a. 6Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Isra'elii dhaqa'a. 7Akkuma dhaxxaneen, ‘Mootummaan Waaqaa dhikaateerti’ jedhaa lallaba'a. #Luq 10:4-12 8Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a. 9Marxoo#10:9 marxoo: hiituu hidhaa kessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a. 10Ideemiisa kara'aatiif korojoo, shaamisii lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte. #1Qor 9:14; 1Xim 5:18 11Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a. 12Yennaa mana tokko seentanu, ‘Nageenni isinii te'u’ jedha'a. 13Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u. 14Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a. #HuE 13:51 15Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti. #Mat 11:24; Dad 19:24-28
Miidhaa Dhufu
(Mar 13:9-13; Luq 21:12-17)
16Yesuus itti dabalee, “Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a. 17Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan. 18Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan. 19Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti. 20Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.
21“Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e.#Mar 13:12; Luq 21:16 22Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya. #Mat 24:9, 13; Mar 13:13; Luq 21:17 23Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu.
24“Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu. #Luq 6:40; Yoh 13:16; 15:20 25Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‘Bi'el Zebul#10:25 Bi'el Zebul: Mooticha ayyaanota hamootaa’ jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree! #Mat 9:34; 12:24; Mar 3:2; Luq 11:15 26Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu. 27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a. 28Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a. 29Simbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee simbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. 30Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. 31Maarre hin sodaatina'a; isin simbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan.
Marroo Kiristoosii Dhugaa Bayiisa
(Luq 12:8-9)
32Yesuus itti dabalee, “Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya. 33Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha. #2Xim 2:12
Namooti Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayane
(Luq 12:51-53; 14:26-27)
34Yesuus itti dabalee, “Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani goraadee malee, nageya fidiisaaf hin dhunne. 35Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin#10:35 haadha dhirsa isi'iitiin: haadha sodda'aatiin gargar baasiisaaf dhufeera. 36Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a. 37“Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti. 38Nami fannoo ifii ba'atee ana hin hordonne anaaf ka malee moti. 39Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
Gatii Namooti Dhaggatanu
(Mar 9:41)
40Ka isin fudhatu ana fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata. #Mar 9:37; Luq 9:48; 10:16; Yoh 13:20 41Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata. 42Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanaawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata” jedhe.
നിലവിൽ തിരഞ്ഞെടുത്തിരിക്കുന്നു:
Wongeela Maatewoosii 10: GAXNT
ഹൈലൈറ്റ് ചെയ്യുക
പങ്ക് വെക്കു
പകർത്തുക
നിങ്ങളുടെ എല്ലാ ഉപകരണങ്ങളിലും ഹൈലൈറ്റുകൾ സംരക്ഷിക്കാൻ ആഗ്രഹിക്കുന്നുണ്ടോ? സൈൻ അപ്പ് ചെയ്യുക അല്ലെങ്കിൽ സൈൻ ഇൻ ചെയ്യുക
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.

: